1 Deebiin laafaan dheekkamsa qabbaneessa;
jechi hamaan garuu aarii kakaasa.
2 Arrabni nama ogeessaa beekumsa jaja;
afaan nama gowwaa garuu gowwummaa dhangalaasa.
3 Iji Rabbii Allaah idduma hunda jira;
nama hamaa fi gaariis ni toʼata.
4 Arrabni fayyina fidu muka jireenyaa ti;
arrabni sobu garuu hafuura cabsa.
5 Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata;
namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
6 Manni nama qajeelaa badhaadhummaa guddaa qaba;
galiin nama hamaa garuu rakkoo isatti fida.
7 Arrabni nama ogeessaa beekumsa facaasa;
garaan nama gowwaa garuu akkas miti.
8 Rabbii Allaahan aarsaa hamootaa ni balfa;
duʼaan tolootaa garuu isa gammachiisa.
9 Rabbii Allaahan karaa hamootaa ni balfa;
warra qajeelummaa duukaa buʼan garuu ni jaallata.
10 Nama daandii irraa jalʼatu adabbii hamaatu isa eeggata;
kan sirreeffama jibbu ni duʼa.
11 Duʼaa fi Badiisni fuula Rabbii Allaah duratti beekamoo dha;
yoos garaan namaa hammam caalaa haa beekamu ree!
12 Namni qoosu sirreeffama hin jaallatu;
nama ogeessaanis hin mariʼatu.
13 Garaan gammadu akka fuulli ifu godha;
gaddi garaa garuu hafuura cabsa.
14 Garaan waa qalbeeffatu beekumsa barbaada;
afaan gowwaa garuu gowwummaa nyaata.
15 Barri nama hacuucamee guutumaan guutuutti gadadoo dha;
garaa gammaduuf garuu guyyaan hundinuu cidha.
16 Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa,
Rabbii Allaah sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.
17 Jibbaan cooma sangaa nyaachuu mannaa,
jaalalaan raafuu nyaachuu wayya.
18 Namni dafee aaru lola kakaasa;
namni obsa qabu garuu lola qabbaneessa.
19 Karaan nama dhibaaʼaa qoraattiidhaan cufama;
daandiin tolootaa garuu karaa diriiraa dha.
20 Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;
namni gowwaan garuu haadha isaa tuffata.
21 Nama qalbii hin qabne gowwummaatu isa gammachiisa;
namni hubataan garuu daandii qajeelaa irra deema.
22 Karoorri gorsa hin qabne fiixaan hin baʼu;
garuu gorsitoota hedduudhaan ni milkaaʼa.
23 Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata;
dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
24 Daandiin nama hubataa akka inni siiʼoolitti gad hin buuneef
gara jireenyaatti ol isa baasa.
25 Rabbii Allaahan mana nama of tuuluu ni diiga;
daangaa haadha hiyyeessaa garuu ni dhaaba.
26 Rabbii Allaahan yaada nama hamaa ni balfa;
yaadni nama qulqulluu garuu isa gammachiisa.
27 Namni doqni maatii isaatti rakkina fida;
kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.
28 Garaan nama qajeelaa haala ittiin deebii kennu yaada;
afaan nama hamaa garuu hammina dhangalaasa.
29 Rabbii Allaahan nama hamaa irraa fagoo jira;
duʼaa nama qajeelaa garuu ni dhagaʼa.
30 Fuulli ifaan garaa gammachiisa;
oduun gaariinis lafee haaromsa.
31 Namni adabbii jireenya kennu dhaggeeffatu,
ogeeyyii gidduu jiraata.
32 Namni adabbii tuffatu ofuma tuffata;
kan sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
33 Rabbii Allaah sodaachuun ogummaa nama barsiisa;
gad of qabuunis ulfina dura dhufa.