Publicidade

Provérbios 19

1 Gowwaa daba dubbatuu mannaa

hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.

2 Namni beekumsa hin qabne gaarii miti;

miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.

3 Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa;

garaan isaa immoo Rabbii Allaahatti aara.

4 Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa;

hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.

5 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;

namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.

6 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;

namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.

7 Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu;

yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree!

Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu

isaan eessattuu hin argaman.

8 Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;

namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.

9 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;

namni soba odeessus ni bada.

10 Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu;

yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf hammam caalaa haa hammaatu ree?

11 Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf;

balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.

12 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti,

surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.

13 Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa;

niitiin nyakkiftunis

akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.

14 Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;

niitii qalbii qabdu garuu Rabbii Allaahatu namaaf kenna.

15 Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa;

namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.

16 Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata;

kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.

17 Namni hiyyeessaaf garaa laafu Rabbii Allaahaf liqeessa;

Allaahanis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

18 Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu;

akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.

19 Namni dafee aaru adabamuu qaba;

ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.

20 Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;

dhuma irratti ati nama ogeessa taata.

21 Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;

garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Rabbii Allaah ti.

22 Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;

sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.

23 Rabbii Allaah sodaachuun jireenyatti nama geessa;

yoos namni boqonnaadhaan jiraata; rakkinnis isa hin argatu.

24 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;

gara afaan isaattis hin deebifatu!

25 Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa;

nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.

26 Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,

ilma qaanii fi salphina fiduu dha.

27 Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi;

ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.

28 Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata;

afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.

29 Qoostotaaf adabbii,

dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-