Alma
A alma é a parte mais íntima do ser humano — sede da vida, dos afetos e do encontro com Deus. A Bíblia convida a cuidar da alma com zelo e a aquietá-la diante do Senhor.
A alma diante de Deus
Bendize ao Senhor, ó minha alma! A alma suspira por Deus como a corça suspira pelas águas — com sede de eternidade.
Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;
keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.
Yaa Allaah, ati Allaah koo ti;
ani dhugumaan sin barbaadadha;
lafa gogaa fi gammoojjii,
lafa bishaan hin jirretti,
lubbuun koo si dheebotti;
foon koos sitti gaggaba.
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?
Na keessattis maaliif raafamta?
Abdii kee Allaah irra kaaʼadhu;
ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;
Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.
Lubbuun koo Allaah qofa eeggatti;
fayyinni koos isa biraa naa dhufa.
Ani Rabbii Allaah nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;
dubbii isaas nan abdadha.
Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,
lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
Seerri Rabbii Allaah mudaa hin qabu;
lubbuu namatti deebisa.
Ajajni Rabbii Allaah amanamaa dha;
nama wallaalaa beekaa godha.
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Rabbii Allaah, afaan sobuu fi
arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi.
Cuidar da alma
Que aproveita ao homem ganhar o mundo inteiro e perder a sua alma? Buscar a Deus de toda alma é o caminho da vida.
Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?
Iisaanis akkana jedheen; "Allaah kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa jahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.
Garuu yoo achittis Rabbii Allaah keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
Garuu akka Rabbii Allaah keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Muusaan garbichi Rabbii Allaah isinii kenne sana jabeessaa eegaa."
"Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Rabbii Allaahan keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
Rabbii Allaahan akkana jedha:
"Karaa qaxxaamuraa irra dhaabadhaatii ilaalaa;
daandii durii iyyaafadhaa;
karaan gaariin garam akka jiru gaafadhaatii irra deemaa;
lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattuutii.
Isin garuu, ‘Nu isa irra hin deemnu’ jettan.
Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti;
inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf duʼaa nan godha.