Amor ao próximo
O amor ao próximo não é opcional — é mandamento. Amarás o teu próximo como a ti mesmo. A lei inteira se cumpre nesta palavra. O amor ao próximo é prova do amor a Deus.
" ‘Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu. Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis duʼaa godhaa;
Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.
Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.
Tokkoon tokkoon keenya ollaa keenya ijaaruuf, akka isatti toluuf waan isa gammachiisu gochuu qabna.
Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.
Akkuma jaalalli nu isinii qabnu dabalaa deemu sana Gooftaan jaalala isin walii keessanii fi nama hundaaf qabdan isinii haa guddisuu; haa baayʼisus.
Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa. Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin malaʼikkoota Allaaha simataniiruutii. Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.
Seera mootii kan Katabbii Qulqulluu keessatti, "Ollaa kee garuu akka ofii keetti jaalladhu" jedhu sana yoo dhugumaan eegdan isin waan qajeelaa gochaa jirtu.
Waan hunda caalaatti jaalala hoʼaa waliif qabaadhaa; jaalalli cubbuu baayʼee dhoksaatii.
Kanaafuu isin akkuma warra Allaahaf filatamanii qulqullaaʼanii fi jaallatamaniitti, gara laafummaa, arjummaa, gad of qabiisa, garraamummaa fi obsa qabaadhaa. Wal dandaʼaa; yoo eenyu iyyuu nama tokko illee irraa komii qabaate walii dhiisaa. Akkuma Gooftaan isinii dhiise sana isinis walii dhiisaa. Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.
Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, "Nu wal jaallachuu qabna" jedhuu dha.
Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu.
Iisaa Al-Masiihiin lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.
Iisaa Al-Masiihiin lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.
Yaa michoota, jaalalli kan Allaaha waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Allaah irraa dhalate; Allaahas ni beeka. Sababii Allaahan jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Allaah hin beeku.