Amor de casal
O amor de casal é celebrado na Bíblia como dom sagrado. O Cântico dos Cânticos exalta a beleza do amor conjugal — íntimo, exclusivo e forte como a morte.
Akkuma chaappaatti laphee kee irra,
akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu;
jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii;
hinaaffaan isaas akkuma qabrii hamaa dha.
Inni akkuma ibidda balaliʼuu,
akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa.
Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu;
lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu.
Namni tokko qabeenya mana isaa hunda
yoo jaalalaaf kenne
qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
Michoota
Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta;
ati milʼuu ija keetii tokkoon,
faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta.
Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu;
jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
Urgaan shittoo keetii namatti tola;
maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti.
Kanaafuu dubarran si jaallatu!
Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda!
Dinqii akkam bareedda!
Iji kee gugee fakkaata.
Ishee
Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda!
Dinqii akkam namatti tolta!
Margi lalisaan siree keenya.
Isa
Rabbii Allaahan, Allaahan, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.
Rabbii Allaahan, Allaahan lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
Namichis akkana jedhe;
"Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti;
foon kunis foon foon kootii ti;
isheen waan dhiira irraa argamteef
‘dubartii’ jedhamti."
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Rabbii Allaah durattis surraa argata.
Burqaan kee haa eebbifamu;
niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti;
harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu;
yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta?
Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."
Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihiitiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu;
Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif
nama tokko irra nama lama wayya:
Yoo inni tokko kufe,
inni kaan ol isa qaba.
Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne
garaa nama nyaata!
Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa;
nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?
Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;
namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.
Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
Rabbii Allaahan tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Allaah sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.
Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.