1 Kana booddee dubbiin Rabbii Allaah mulʼataan gara Ibraam dhufee akkana jedhe;
"Yaa Ibraam hin sodaatin;
ani gaachana keetii fi
gatii kee guddicha."
2 Ibraam garuu, "Yaa Rabbii Allaah Gooftaa, waan ani ijoollee hin qabneef namni qabeenya koo dhaaluuf jiru Eliiʼezer namicha Damaasqoo kana; egaa ati maal naa kennita?" jedhe. 3 Ibraam, "Kunoo ati ijoollee tokko illee naa hin kennine; hojjetaan mana koo jiraatu tokko kunoo na dhaaluuf jira" jedhe.
4 Kunoo dubbiin Rabbii Allaah gara isaa dhufee, "Ilma gudeeda keetiitu dhaaltuu kee taʼa malee namichi kun dhaaltuu kee hin taʼu" jedhe. 5 Innis Ibraamin gad baasee, "Shamaayʼuniiwwan ol ilaaliitii yoo urjiiwwan lakkaaʼuu dandeesse lakkaaʼi" jedhe. Itti fufees, "Sanyiin kees akkanuma baayʼata" jedheen.
6 Ibraam Rabbii Allaahatti amane; innis qajeelummaatti lakkaaʼeef.
7 Innis, "Ani Rabbii Allaah isa akka ati ishee dhaaltuuf biyya kana siif kennuuf jedhee Uuri biyya Kaldootaa keessaa si baasee dha" jedheen.
8 Ibraam garuu, "Yaa Rabbii Allaah Gooftaa, ani biyya kana dhaaluu koo akkamittin beeka?" jedhe.
9 Kanaafuu Rabbii Allaahan, "Goromsa tokko, reʼee tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko kanneen tokkoon tokkoon isaanii waggaa sadii sadii guutan, akkasumas gugee tokkoo fi gugee sookkee tokko naa fidi" jedheen.
10 Ibraamis warra kana hunda gara isaatti fidee, qixxee lamaanitti kukkute; warra qixxee lamaanitti kukkutamanis gamaa gamana kaaʼe; simbirroota garuu qixxee lamaanitti hin kukkunne. 11 Ergasii allaattiin foon sanatti gad buute; Ibraam garuu irraa ariʼe.
12 Utuma aduun dhiʼaa jirtuu hirribni guddaan Ibraamin qabe; kunoo dukkanni guddaanii fi sodaachisaan isa irra buʼe. 13 Rabbii Allaahanis akkana isaan jedhe; "Akka sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼee waggaa dhibba afuris achitti garboomfamee cunqurfamu dhugumaan beeki. 14 Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan qabeenya guddaa fudhatanii achii baʼu. 15 Ati garuu nagaan gara abbootii keetii dhaqxa; bara dheeraas jiraattee qabbaramta. 16 Sanyiin kee dhaloota afuraffaatti as deebiʼa; cubbuun Amoorotaa amma iyyuu hin guunneetii."
17 Yommuu aduun lixxee dukkanaaʼettis kunoo barbadaan ibiddaa aaru guca tokko wajjin mulʼatee foon kukkutame sana gidduu darbe. 18 Gaafa sanas Rabbii Allaahan akkana jedhee Ibraam wajjin kakuu gale; "Ani biyya laga Gibxii jalqabee hamma laga Efraaxiis guddichaatti jiru kana sanyii keetiif nan kenna; 19 kunis biyya Qeenotaa, Qeneezotaa, Qadmoonotaas, 20 kan Heetotaa, Feerzotaa, Refaayimootaa, 21 Amoorotaa, Kanaʼaanotaa Girgaashotaatii fi kan Yebuusotaa jechuu dha."