1 Rabbii Allaahan akkuma dubbate sana Saaraa yaadate; Rabbii Allaahan waan waadaa galeef sana ni raawwateef. 2 Saaraan ulfooftee bara dulluma isaa keessa yeruma Allaahan waadaa isaaf seene sanatti Ibraahimiif ilma deesse. 3 Ibraahimis ilma Saaraan isaaf deesse sana Yisihaaq jedhee moggaase. 4 Ibraahim akkuma Allaahan isa ajaje sanatti Yisihaaq dhalatee guyyaa saddeetitti dhagna isa qabe. 5 Yeroo ilmi isaa Yisihaaq dhalateefitti Ibraahim nama waggaa dhibbaa ture.
6 Saaraanis, "Allaahan kolfa naa kenneera; namni waan kana dhagaʼu hundis na wajjin kolfa" jette. 7 Ittuma fuftees, "Silaa eenyutu Ibraahimiin, ‘Saaraan daaʼima hoosisti’ jedha ture? Garuu ani bara dulluma isaa keessa ilma nan daʼeef" jette.
8 Mucichi guddatee harma guufame; Ibraahim gaafa Yisihaaq harma guufame sana cidha guddaa qopheesse. 9 Saaraan garuu yeroo ilmi Haagaar Gibxittiin Ibraahimiif deesse sun Yisihaaqitti qoosu argite; 10 isheenis Ibraahimiin, "Garbittii kanaa fi ilma ishee ariʼi; ilmi garbittii kanaa kun ilma koo Yisihaaq wajjin hin dhaaluutii" jette.
11 Wanni kunis sababii ilma isaatiif Ibraahimin akka malee rakkise. 12 Allaahan garuu akkana jedheen; "Waaʼee garbittii keetiitii fi waaʼee mucichaa hin yaaddaʼin. Sababii sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamamuuf waan Saaraan siin jettu hunda dhagaʼi. 13 Inni sanyii kee waan taʼeef ani ilma garbittii sanaa saba nan taasisa."
14 Ibraahimis guyyaa itti aanu ganama obboroon kaʼee nyaata muraasaa fi bishaan qalqala tokko fuudhee Haagaariif kenne. Waan kanas gatiittii ishee irra kaaʼeefii mucaa wajjin ariʼe; isheenis achii baatee Gammoojjii Bersheebaa keessa joorte.
15 Yommuu bishaan qalqala keessaa dhumetti, isheen mucaa ishee daggala tokko jala keesse. 16 Isheenis, "Mucaa kana isaa duʼu ani hin ilaalu" jettee garaa isheetti waan yaaddeef gara darba xiyyaa tokko xinnoo achi hiiqxee naannoo isaa teesse; achi teessees sagalee ishee ol fudhattee boosse.
17 Allaahan booʼicha mucichaa ni dhagaʼe; malaʼikkaan Allaah shamaayʼun keessaa Haagaarin waamee akkana jedheen; "Yaa Haagaar ati maal taate? Hin sodaatin; Allaahan booʼicha mucichaa iddoo inni ciisee jiruu dhagaʼeeraatii. 18 Sababii ani saba guddaa isa godhuuf kaʼiitii harka keetiin mucicha ol fuudhi; jabeessiitii isa qabi."
19 Allaahan ija ishee baneefii jennaan boolla bishaanii tokko argite. Kanaafuu dhaqxee qalqala sana bishaaniin guuttee, waan inni dhugu mucichaaf kennite.
20 Allaahanis mucicha wajjin ture; mucichis ni guddate. Innis gammoojjii keessa jiraate; xiyya darbachuudhaanis beekamaa ture. 21 Innis gammoojjii Phaaraan keessa jiraate; haati isaas biyya Gibxiitii niitii argatteef.
22 Yeroo sana Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa Ibraahimiin akkana jedhan; "Waan ati hojjettu hunda keessatti Allaahan si wajjin jira. 23 Ati akka ana yookaan ijoollee koo yookaan sanyii koo hin gowwoomsine amma as fuula Allaaha duratti naa kakadhu. Akkuma ani garaa siif laafe sana atis anaa fi biyya amma orma taatee keessa jiraattu kanaaf garaa laafi."
24 Ibraahimis, "Ani nan kakadha" jedhe.
25 Ergasii Ibraahim waaʼee boolla bishaanii garboonni Abiimelek isa irraa fudhatan tokkoo Abiimelekitti himate. 26 Abiimelek immoo, "Ani nama waan kana hojjete hin beeku. Atis natti hin himne; ani waaʼee isaa harʼuman dhagaʼe" jedhe.
27 Kanaafuu Ibraahim hoolaa fi loon fidee Abiimelekiif kenne; jarri lamaanis walii galtee uummatan. 28 Ibraahim gorommii hoolaa torba bushaayee keessaa kophaatti baase; 29 Abiimelekis, "Hiikkaan gorommii hoolaa torban ati kophaa isaanii baafte kanneenii maali?" jedhee Ibraahimin gaafate.
30 Ibraahimis, "Akka ani boolla bishaanii kana qotadhe akka ragaa taʼuuf, gorommii hoolaa torban kanneen na harkaa fudhadhu" jedhee deebise.
31 Sababii jarri lamaan sun achitti walii kakataniif iddoon sun Bersheebaa jedhamee waamame.
32 Erga walii galteen sun Bersheebaatti taʼee booddee Abiimelekii fi Fiikool ajajaan loltoota isaa gara biyya Filisxeemotaatti deebiʼan. 33 Ibraahimis Bersheebaa keessa muka tamirii dhaabe; innis achitti maqaa Rabbii Allaah Bara Baraa waammate. 34 Ibraahim biyya Filisxeemotaa keessa bara dheeraa jiraate.