Publicidade

Gênesis 12

Waamamuu Ibraam

1 Rabbii Allaahan Ibraamiin akkana jedhe; "Biyya kee, saba keetii fi mana abbaa keetii dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi.

2 "Ani saba guddaa sin taasisa;

sin eebbisas;

maqaa kee illee guddaa nan taasisa;

atis eebba taataa.

3 Ani warra si eebbisan nan eebbisa;

warra si abaaran nan abaara;

sabni lafa irraa hundinuu

karaa keetiin eebbifama."

4 Kanaafuu Ibraam akkuma Rabbii Allaahan isatti himetti kaʼee deeme; Luutis isa wajjin deeme. Ibraam yeroo Kaaraanii baʼetti nama waggaa torbaatamii shan ture. 5 Innis niitii isaa Saaraa, ilma obboleessa isaa Luut, qabeenya walitti kuufatan hundumaa fi namoota Kaaraanitti argatan hundumaa qabatee Kanaʼaan dhaquuf kaʼe; isaanis achi gaʼan.

6 Ibraamis hamma qilxuu Mooree kan Sheekem keessatti argamuutti biyyattii keessa deeme. Yeroo sana warri Kanaʼaan biyya sana keessa turan. 7 Rabbii Allaahan Ibraamitti mulʼatee, "Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna" jedheen. Kanaafuu inni achitti Rabbii Allaah isatti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaare.

8 Achii kaʼee gara gaarran Beetʼeel irraa gara baʼa biiftuutti argamanii deemee Beetʼeelin gara lixa biiftuutti, Aayin immoo gara baʼa biiftuutti hambisee dunkaana isaa dhaabbate. Achitti Rabbii Allaahaf iddoo aarsaa ijaaree maqaa Rabbii Allaah waammate.

9 Ibraam ergasii kaʼee gara Negeebitti karaa isaa itti fufe.

Ibraam Biyya Gibxi Keessatti

10 Bara sana beelli biyya sanatti buʼee ture; beelli sun waan hammaateef Ibraam achi jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe. 11 Innis yeroo Gibxi seenuu gaʼetti niitii isaa Saaraan akkana jedhe; "Ani akka ati dubartii bareedduu taate nan beeka. 12 Warri Gibxi yommuu si argan, ‘Kun niitii isaa ti’ jedhanii na ajjeesu; siʼi immoo ni hambisu. 13 Akka isaan siif jedhanii haala tolaan na ilaalanii fi akka lubbuun koos sababii keetiin duʼa ooltuuf maaloo, ‘Ani obboleettii isaa ti’ jedhi."

14 Yeroo Ibraam Gibxi seenettis warri Gibxi akka Saaraahiin dubartii baayʼee bareedduu taate argan. 15 Qondaaltonni Faraʼooniis yommuu ishee arganitti ishee jajanii Faraʼoonitti himan; isheenis masaraa mootummaa Faraʼooniitti geeffamte. 16 Faraʼoon sababii isheetiif jedhee Ibraamin haala tolaadhaan ilaale; Ibraamis hoolotaa fi loon, harroota korommii fi dhaltuu, tajaajiltoota dhiiraa dubartii, gaalas argate.

17 Rabbii Allaahan garuu sababii niitii Ibraam, sababii Saaraatiif jedhee Faraʼoonii fi warra mana isaa jiraatan dhukkuba hamaan dhaʼe. 18 Kanaafuu Faraʼoon Ibraamin ofitti waamee akkana jedheen; "Ati maal natti hojjette? Akka isheen niitii kee taate maaliif natti hin himin? 19 Ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jettee, akka ani niitummaaf ishee fudhadhu na goote? Ammas niitiin kee kunoo ti; ishee fudhadhuu deemi!" 20 Faraʼoonis waaʼee Ibraam irratti namoota isaa ajaje; isaanis Ibraamii fi niitii isaa, waan inni qabu hunda wajjin geggeessan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-