Publicidade

Gênesis 39

Yuusufii fi Niitii Phoxiifaaraa

1 Yeroo kanatti Yuusuf Gibxitti geeffamee ture. Phoxiifaaraan namichi Gibxi qondaalli Faraʼoon kan ajajaa waardiyyaa ture sun Ismaʼiiloota achi isa geessan irraa isa bitate.

2 Yuusufis waan Rabbii Allaahan isa wajjin tureef nama milkaaʼaa taʼe; innis mana gooftaa isaa namicha biyya Gibxi sanaa jiraate. 3 Gooftaan isaas akka Rabbii Allaahan isa wajjin jiruu fi akka Rabbii Allaahan waan inni hojjetu hunda keessatti isa milkoomse arge; 4 Yuusufis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne. 5 Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee Rabbii Allaahan sababii Yuusufiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi Rabbii Allaahas waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture. 6 Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yuusuf jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture.

Yuusuf dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture; 7 niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yuusuf irra buufattee, "Kottuu na bira gaʼi!" jetteen.

8 Inni garuu didee akkana isheen jedhe; "Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera. 9 Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Allaahatti cubbuu hojjedha ree?" 10 Isheen guyyuma guyyaan Yuusufitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide.

11 Gaaf tokko Yuusuf hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre. 12 Isheenis wayyaa isaa qabattee, "Kottuutii na bira gaʼi!" jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe.

13 Isheenis yommuu akka inni wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe argitetti, 14 hojjettoota mana ishee waamtee akkana jetteen; "Kunoo, inni Ibricha kana akka nutti taphatuuf fide! Inni na bira gaʼuuf natti ol seennaan ani sagalee guddaan iyye. 15 Innis gargaarsa barbaachaaf iyyuu koo dhageenyaan wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe."

16 Isheen hamma gooftaan isaa galutti wayyaa isaa of bira keesse. 17 Akkana jettees oduu kana isatti himte: "Garbichi Ibrichi ati nuu fidde sun natti taphachuuf natti ol seene. 18 Garuu akkuma ani gargaarsa barbaachaaf iyyeen inni wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe."

19 Gooftaan isaa yommuu oduu niitiin isaa, "Wanni garbichi kee na godhe kana" jettee itti himte sana dhagaʼetti aaree gubate. 20 Gooftaan isaas Yuusufin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse.

Taʼus yeroo Yuusuf mana hidhaa keessa turetti, 21 Rabbii Allaahan isa wajjin ture; fuula ajajaa mana hidhaa sanaa durattis gaarummaa isaa itti argisiise; akka fudhatamas argatu godhe. 22 Ajajaan mana hidhaa sunis namoota mana hidhaa jiran hunda irratti Yuusufin muude; waan achitti hojjetamu hunda irrattis itti gaafatamaa isa godhe. 23 Sababii Rabbii Allaahan isa wajjin turee fi waan inni hojjetu kam iyyuu isaa milkeesseef ajajaan mana hidhaa sun waan itti gaafatama Yuusuf jala jiru hundaaf yaaddoo tokko illee hin qabu ture.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-