1 Saaraan niitiin Ibraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Haagaar jedhamtu tokko qabdi turte; Haagaaris nama biyya Gibxi turte; 2 Saaraanis Ibraamiin, "Kunoo Rabbii Allaahan ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii" jette.
Ibraamis waan Saaraahiin jette fudhate. 3 Erga Ibraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Haagaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite. 4 Ibraamis Haagaar wajjin ciise; isheenis ni ulfoofte.
Yommuu akka ulfoofte of irratti beektetti giiftii ishee tuffachuu jalqabde. 5 Saaraan immoo Ibraamiin, "Miidhaa na mudate kanatti situ gaafatama. Garbittii koo anattu bobaa kee jala siif galche; amma garuu isheen akka ulfoofte of irratti beeknaan na tuffatte. Egaa Rabbii Allaahan sii fi ana gidduutti murtii haa kennu" jette.
6 Ibraamis, "Garbittiin kee keessa harkuma kee jirti; waanuma feete ishee godhi" jedheen. Saaraanis akka malee ishee cunqursite; kanaafuu Haagaar fuula ishee duraa sokkite.
7 Malaʼikkaan Rabbii Allaah gammoojjii keessatti, burqaa bishaanii tokko biratti Haagaarin arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuuritti geessu irra ture. 8 Malaʼikkaan sunis, "Yaa Haagaar, garbittii Saaraa, ati eessaa dhufte? Eessa dhaquutti jirta?" jedhe.
Isheenis, "Giiftii koo Saaraa baqachuuttin jira" jetteen.
9 Kana irratti malaʼikkaan Rabbii Allaah sun, "Gara giiftii keetiitti deebiʼi; gad of qabiitii isheef buli" jedheen. 10 Malaʼikkaan Allaah sunis itti dabalee, "Ani sanyii kee akka malee nan baayʼisa; sababii baayʼina isaatiifis namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandaʼu" jedhe.
11 Malaʼikkaan Rabbii Allaah sun amma illee akkana isheen jedhe;
"Kunoo ati ulfoofteerta;
ilmas ni deessa.
Maqaa isaas Ismaʼiil jedhii moggaasi;
Rabbii Allaahan dhiphachuu kee dhagaʼeeraatii.
12 Inni nama akka harree diidaa taʼa;
harki isaa nama hunda irratti kaʼa;
harki nama hundaas isa irratti kaʼa;
obboloota isaa hundaanis jibbamaa jiraata."
13 Isheenis maqaa Rabbii Allaahan isheetti dubbate sanaa, "Elrooʼii" jettee waamte. Isheen, "Ani dhugumaan Isa na argu sana argeera" jetteertiitii. 14 Sababiin boolli bishaanii sun, "Beʼeer Lahaayirooʼii" jedhameefis kanuma. Innis hamma harʼaatti illee Qaadeshii fi Bereed gidduu jira.
15 Haagaaris Ibraamiif ilma deesse; Ibraamis ilma isheen deesse sana Ismaʼiil jedhee moggaase. 16 Yeroo Haagaar Ismaʼiilin isaaf deessetti Ibraam nama waggaa saddeettamii jaʼaa ture.