Publicidade

Gênesis 6

Bishaan Badiisaa

1 Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baayʼachuu jalqabanii intallan dhalataniifitti, 2 Ilmaan Allaaha akka intallan namootaa babbareedoo taʼan argan; isaan keessaas abbuma filatan fuudhan. 3 Yommus Rabbii Allaahan, "Namni waan foon taʼeef Hafuurri koo bara baraan isa keessa hin jiraatu; barri jireenya isaas waggaa dhibba tokkoo fi digdama taʼa" jedhe.

4 Bara sanaa fi ergasiis Nefiiliimonni lafa irra turan; ilmaan Allaahas yommuu gara intallan namaa dhaqanitti ijoollee dhalchan. Isaanis gootota durii warra beekamoo turan.

5 Rabbii Allaahanis akka jalʼinni namaa lafa irratti baayʼatee, wanni namni yeroo hunda garaa isaatti yaadu hundinuus jalʼaa qofa taʼe arge. 6 Rabbii Allaahanis waan lafa irratti nama uumeef ni gaabbe; garaan isaas ni gadde. 7 Kanaafuu Rabbii Allaahan, "Ani sanyii namaa kan ofii kootiin uume lafa irraa nan balleessa. Namaa fi horii, uumama lafa irra munyuuqu, simbirroota shamaayʼun nan balleessa; ani isaan uumuu kootti gaabbeeraatii" jedhe. 8 Nuuhi garuu fuula Rabbii Allaah duratti surraa argate.

9 Seenaan Nuuhii fi maatii isaa kanaa dha.

Nuuhi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Allaah wajjin deddeebiʼu ture. 10 Nuuhi ilmaan sadii dhalche; isaanis: Seem, Haamii fi Yaafet.

11 Lafti fuula Allaaha duratti faalamtee jeequmsaan guutamte turte. 12 Sababii namoonni lafa irraa hundinuu karaa isaanii faalaniif, Allaahan akka lafti faalamte arge. 13 Kanaafuu Allaahan Nuuhiin akkana jedhe; "Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa. 14 Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi. 15 Haalli ati ittiin doonicha tolchitu kanaa dha; dheerina isaa dhundhuma dhibbaa sadii, balʼina isaa dhundhuma shantama, ol dheerina isaa dhundhuma soddoma godhi. 16 Doonichaaf bantii dhundhuma tokko ol kaʼu hojjedhu; cinaacha isaa irrattis balbala baasi; kanas abbaa darbii sadii jechuunis kan gadii, kan gidduutii fi kan gubbaa godhii hojjedhu. 17 Kunoo, ani uumamawwan lubbu qabeeyyii hunda shamaayʼun jalaa balleessuuf bishaan badiisaa lafatti nan fida; wanni lafa irra jiraatu hundinuus ni bada. 18 Si wajjin garuu kakuu nan gala; atis doonii seenta; atii fi ilmaan kee, niitiin keetii fi niitonni ilmaan keetiis ni seentu. 19 Uumamawwan lubbu qabeeyyii hundumaa keessaa akka isaan si wajjin jiraataniif lama lama, kormaa fi dhalaa doonichatti galchi. 20 Simbirroota keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, horii keessaa akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaas akkuma gosa gosa isaaniitti, lama lama taʼanii jiraachuuf gara kee dhufu. 21 Waan nyaatamu hunda keessaa waa fuudhii of biratti walitti qabi! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaanii ni taʼa."

22 Nuuhi akkuma Allaahan isa ajajetti waan hunda hojjete.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-