Publicidade

Gênesis 29

Yaaʼikuub Phaadaan Arraam Gaʼe

1 Yaaʼikuubis karaa isaa itti fufee gara warra biyya baʼaa dhufe. 2 Innis ilaalee kunoo boolla bishaanii tokko dirree irratti arge; kunoo karri hoolotaa sadii sababii achii bishaan dhuganiif boolla bishaanii sana bira ciciisaa turan. Dhagaan afaan boolla bishaanii sanaa irra ture guddaa ture. 3 Yeroo karri hoolotaa hundi achitti walitti qabamanitti tiksoonni afaan boolla bishaanii irraa dhagaa gangalchanii hoolota bishaan obaasu turan. Ergasii immoo dhagaa sana iddoo isaatti deebisanii afaan boolla bishaanii irra kaaʼu turan.

4 Yaaʼikuubis tiksoota sanaan, "Yaa obboloota ko, isin warra eessaati?" jedhee gaafate.

Isaanis, "Nu warra Kaaraaniiti" jedhanii deebisan.

5 Innis, "Laabaa ilma Naahoor beektuu?" jedheen.

Jarris, "Eeyyee, beekna" jedhanii deebisan.

6 Yaaʼikuub immoo, "Inni fayyumaa?" jedhee isaan gaafate.

Isaanis, "Eeyyee, fayyuma; kunoo intalli isaa Raahel iyyuu hoolota fiddee dhufaa jirti" jedhaniin.

7 Innis, "Kunoo, amma lafti guyyaa dha; yeroo itti hoolonni walitti qabaman miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa" jedheen.

8 Isaanis, "Nu hamma karri hoolotaa hundinuu walitti qabamanii dhagaan sun afaan boolla bishaanii irraa gangalfamutti hin dandeenyu; ergasii hoolota bishaan obaafna" jedhanii deebisan.

9 Utuma inni jara wajjin haasaʼaa jiruu, Raahel waan tiksee turteef hoolota abbaa ishee ooftee dhufte. 10 Yaaʼikuub yommuu Raahel, intala obboleessa haadha isaa intala Laabaatii fi hoolota Laabaa argetti dhaqee dhagaa afaan boolla bishaanii irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase. 11 Yaaʼikuubis Raaheliin dhungate; sagalee ol fudhatees booʼe. 12 Inni fira abbaa ishee akka taʼee fi ilma Ribqaa akka taʼe Raahelitti hime; isheenis fiigaa dhaqxee abbaa isheetti himte.

13 Laabaan akkuma waaʼee ilma obboleettii isaa waaʼee Yaaʼikuub dhagaʼeen isa simachuuf ariifatee baʼe. Innis erga hammatee dhungatee booddee mana isaatti fudhatee gale; Yaaʼikuubis waan kana hunda Laabaatti hime. 14 Laabaan immoo, "Ati dhugumaan foon kootii fi dhiiga koo ti" jedheen.

Yaaʼikuub Liyaa fi Raahelin Fuudhe

Yaaʼikuub erga jiʼa tokko guutuu Laabaa wajjin turee booddee, 15 Laabaan akkana isaan jedhe; "Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi."

16 Laabaan intallan lama qaba ture; maqaan ishee hangafaa Liyaa ture; maqaan ishee quxisuu immoo Raahel jedhama ture. 17 Iji Liyaa dadhabaa ture; Raahel garuu bareedduu fi simboo qabeettii turte. 18 Yaaʼikuub Raahelin jaallatee, "Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila" jedheen.

19 Laabaan immoo, "Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi" jedhe. 20 Kanaafuu Yaaʼikuub Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.

21 Yaaʼikuubis Laabaadhaan, "Waan yeroon koo xumurameef akka ani ishee bira gaʼuuf niitii koo naa kenni" jedhe.

22 Kanaafuu Laabaan namoota iddoo sana jiran hunda walitti qabee cidha qopheesse. 23 Garuu yeroo lafti galgalaaʼetti intala isaa Liyaa fidee Yaaʼikuubiif kenne; Yaaʼikuubis ishee bira gaʼe. 24 Laabaanis akka isheen hojjettuu ishee taatuuf garbittii isaa Zilfaa, intala isaa Liyaadhaaf kenne.

25 Yommuu lafti bariʼetti kunoo Liyaa taʼuun ishee beekame! Yaaʼikuubis Laabaadhaan, "Wanni ati na goote kun maali? Ani Raaheliif jedhee si hin tajaajillee? Yoos ati maaliif na gowwoomsite ree?" jedhe.

26 Laabaanis akkana jedhee deebise; "Biyya keenya keessatti intala hangafa dura intala quxisuu heerumsiisuun duudhaa keenya miti. 27 Torban misirrummaa intala kanaa raawwadhu; ergasii yoo ati waggaa biraa torba naaf hojjette quxisuu ishees siif kennina."

28 Yaaʼikuubis akkasuma godhe. Torban sanas Liyaa wajjin dabarse; ergasiis Laabaan intala isaa Raahelin isatti heerumsiise. 29 Laabaan akka isheen hojjettuu ishee taatuuf xomboree isaa Bilihaa, intala isaa Raaheliif kenne. 30 Yaaʼikuubis Raahel bira gaʼe; innis Liyaa caalaatti Raahelin jaallate. Waggoota biraa torbas Laabaaf hojjete.

Ijoollee Yaaʼikuub

31 Rabbii Allaahan yommuu akka Liyaan hin jaallatamin argetti gadameessa ishee baneef; Raahel garuu dhabduu turte. 32 Liyaan ulfooftee ilma deesse. Isheenis waan, "Rabbii Allaahan dhiphina koo argeeraatii dhugumaan siʼachi dhirsi koo na jaallata" jetteef maqaa isaa Ruubeen jettee moggaafte.

33 Isheen ammas yommuu ulfooftee ilma deessetti, "Rabbii Allaahan sababii akka ani hin jaallatamin dhagaʼeef ilma kanas naa kenne" jettee maqaa isaa Simiʼoon jettee moggaafte.

34 Ammas ulfooftee ilma deesse; isheenis, "Sababii ani ilmaan sadii isaaf daʼeef amma dhirsi koo natti maxxana" jette; kanaafuu mucaan sun Lewwii jedhamee moggaafame.

35 Ammas isheen ulfooftee ilma deesse; isheenis, "Amma Rabbii Allaah nan galateeffadha" jette. Kanaafuu maqaa isaa Yihuudaa jettee moggaafte. Ergasiis daʼuu ni dhiifte.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-