Publicidade

Gênesis 48

Minaasee fi Efreem

1 Yeroo muraasa booddee, "Kunoo, abbaan kee dhukkubsateera" jedhanii Yuusufitti himan. Innis ilmaan isaa lamaan Minaasee fi Efreemin fudhatee dhaqe. 2 Yaaʼikuub yeroo, "Ilmi kee Yuusuf gara kee dhufeera" jedhanii itti himanitti, Israaʼel of jajjabeessee kaʼee siree irra taaʼe.

3 Yaaʼikuubis Yuusufiin akkana jedhe; "Allaahan Waan Hunda Dandaʼu biyya Kanaʼaan keessatti Luuzitti natti mulʼatee achitti na eebbise; 4 akkanas naan jedhe; ‘Ani akka ati hortuu fi akka ati baayʼattu nan godha. Tuuta sabaa sin godha; ani biyya kana dhaala bara baraa godhee sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna.’

5 "Egaa amma ilmaan kee lamaan warri utuu ani as gara kee hin dhufin dura Gibxitti siif dhalatan sun akkuma ilmaan kootti ilaalamu; akkuma Ruubeenii fi Simiʼoon kan koo taʼan sana Efreemii fi Minaaseenis kanuma koo taʼu. 6 Ijoolleen isaan booddeen siif dhalatan kan kee taʼu. Dhaala qoodachuu keessatti immoo maqaa obboloota isaanii jalatti lakkaaʼamu. 7 Yeroo ani kaaba dhiʼa Phaadaaniitii deebiʼaa turetti utuma Efraataa gaʼuuf xinnuma nuu hafee jiruu Raahel biyya Kanaʼaan keessatti na jalaa duunaan achumatti karaa Efraataa dhaqu biratti qabbaradhe." Efraataan kunis Beetlihemii dha.

8 Israaʼel yeroo ilmaan Yuusuf argetti, "Isaan kunneen eenyu?" jedhee gaafate.

9 Yuusuf immoo abbaa isaatiin, "Isaan kunneen ilmaan biyya kanatti Allaahan naaf kennee dha" jedhe.

Kana irratti Israaʼel, "Akka ani isaan eebbisuuf natti fidi" jedhe.

10 Yeroo kanatti Israaʼel dulloomee iji isaa dadhabee ture; innis waa hubachuu hin dandaʼu ture. Kanaafuu Yuusuf ilmaan isaa Israaʼelitti dhiʼeesse; Israaʼelis isaan dhungate; isaan hammates.

11 Israaʼelis Yuusufiin, "Ani fuuluma kee iyyuu nan arga jedhee hin yaadne; Allaahan garuu akka ani ijoollee kee iyyuu argu naa eeyyame" jedhe.

12 Yuusufis jilba Israaʼel irraa achi isaan butee fuula isaatiin lafatti gad gombifame. 13 Innis ergasii lamaan isaanii iyyuu fuudhee Efreemin karaa mirga isaatiin gara harka Israaʼel isa bitaatti, Minaasee immoo bitaa isaatiin gara harka Israaʼel isa mirgaatti fidee isatti dhiʼeesse. 14 Israaʼel garuu utuma Efreem quxisuu taʼee jiruu harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe; Minaaseen immoo utuma hangafa taʼee jiruu Israaʼel harka isaa wal qaxxaamursee harka isaa bitaa mataa Minaasee irra kaaʼe.

15 Innis akkana jedhee Yuusufin eebbise;

"Allaahan inni abbootiin koo Ibraahimii fi Yisihaaq

fuula isaa dura jiraatan,

Allaahan inni bara jireenya koo guutuu

hamma harʼaatti tiksee koo ture sun,

16 Malaʼikkaan Allaah kan balaa hunda jalaa na baase sun

ilmaan kanneen haa eebbisu.

Isaan maqaa kootiin,

maqaa abbootii koo Ibraahimii fi

Yisihaaqiin haa waamaman;

isaan lafa irratti guddaa haa baayʼatan."

17 Yuusuf yommuu akka abbaan isaa harka isaa mirgaa mataa Efreem irra kaaʼe argetti ni gadde; kanaafuu inni harka abbaa isaa mataa Efreem irraa fuudhee mataa Minaasee irra kaaʼuuf jedhee kaase. 18 Yuusuf abbaa isaatiin, "Yaa abbaa ko, akkas miti; inni kun hangafa; harka kee mirgaa mataa isaa irra kaaʼi" jedhe.

19 Abbaan isaa garuu didee akkana jedheen; "Ani nan beeka; yaa ilma koo nan beeka. Innis saba taʼa; saba guddaa isaa taʼa. Taʼus obboleessi isaa inni quxisuun isa caalaa guddaa taʼa; sanyiin isaas tuuta saba baayʼee ni taʼa." 20 Innis gaafa sana akkana jedhee isaan eebbise;

"Israaʼel maqaa keetiin eebba kana kenna;

‘Allaahan akka Efreemii fi akka Minaasee isin haa taasisu.’ "

Yuusufis akkasiin Minaasee dura Efreemin dabarse.

21 Ergasii Israaʼel Yuusufiin akkana jedhe; "Kunoo ani duʼuu gaʼeera; Allaahan garuu isin wajjin taʼee biyya abbaa keessaniitti isin deebisa. 22 Ani qooda obboloota keetii caalchisee qooda tokko siifin kenna; kunis lafa ol kaʼaa ani Amoorota irraa goraadee koo fi iddaa kootiin fudhadhe sanaa dha."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-