Publicidade

Gênesis 46

Yaaʼikuub Biyya Gibxi Dhaqe

1 Israaʼel waan qabu hunda fudhatee kaʼe; yeroo Bersheebaa gaʼettis Allaah abbaa isaa Allaah Yisihaaqiifis aarsaa dhiʼeesse.

2 Allaahanis halkan mulʼataan, "Yaaʼikuub! Yaaʼikuub!" jedhee Israaʼelitti dubbate.

Innis, "Kunoo ani as jira" jedhee deebise.

3 Allaahanis akkana jedhe; "Ani Allaahan, Allaah abbaa keetii ti. Gibxitti gad buʼuu hin sodaatin; ani achitti saba guddaa sin taasisaatii. 4 Ani si wajjin Gibxitti gad buʼee deebisee sin fida. Harkuma Yuusuftu ija kee walitti siif qaba."

5 Yaaʼikuubis Bersheebaadhaa kaʼee qajeele; ilmaan Israaʼelis abbaa isaanii Yaaʼikuub, ijoollee isaaniitii fi niitota isaanii gaariiwwan Yaaʼikuubin baachuuf Faraʼoon erge sana irra teessisan. 6 Yaaʼikuubii fi sanyiin isaa hundis horii isaaniitii fi qabeenya Kanaʼaanitti horatan of faana fudhatanii Gibxitti godaanan. 7 Innis sanyii isaa hunda jechuunis ilmaan isaa, ilmaan ilmaan isaa, intallan isaatii fi intallan ilmaan isaa fudhatee Gibxitti godaane.

8 Maqaawwan ilmaan Israaʼel warra Gibxitti godaanan sanaa jechuunis Yaaʼikuubii fi sanyiiwwan isaa kanneenii dha:

Ruubeen jechuunis ilma Yaaʼikuub hangafticha.

9 Ilmaan Ruubeen:

Henook, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.

10 Ilmaan Simiʼoon:

Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zooharii fi Shaawul ilma dubartii Kanaʼaan sanaa.

11 Ilmaan Lewwii:

Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.

12 Ilmaan Yihuudaa:

Eeri, Oonaan, Sheelaa, Faaresii fi Zaaraa. Eerii fi Oonaan garuu biyya Kanaʼaanitti duʼan.

Ilmaan Faares:

Hezroonii fi Hamuul.

13 Ilmaan Yisaakor:

Toolaa, Fuwaa, Yoobii fi Shimroon.

14 Ilmaan Zebuuloon:

Sered, Eeloonii fi Yahiliʼeel.

15 Isaan kunneen intala isaa Diinaa dabalatee ilmaan Liyaan kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamitti Yaaʼikuubiif deessee dha. Ilmaanii fi intallan isaa kunneen walumaa galatti soddomii sadii turan.

16 Ilmaan Gaad:

Ziifiyon, Hagii, Shuunii, Esboon, Eerii, Aroodii fi Ariʼeel.

17 Ilmaan Aasheer:

Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaaniis Seraa dha.

Ilmaan Beriiyaa:

Hebeerii fi Malkiiʼeel.

18 Isaan kunneen ijoollee Ziifaan Yaaʼikuubiif deessee dha. Ziifaan ishee Laabaan intala isaa Liyaadhaaf kenne sanaa dha. Isaan walumaa galatti kudha jaʼa turan.

19 Ilmaan Raahel niitii Yaaʼikuub:

Yuusufii fi Biniyaam.

20 Minaasee fi Efreem, Aasenati intala Phooxiiferaa lubicha magaalaa Ooni sanaa irraa Gibxi keessatti Yuusufiif dhalatan.

21 Ilmaan Biniyaam:

Belaa, Beker, Ashbeel, Geeraa, Naʼamaan, Eehii, Roosh, Muufiim, Hufiimii fi Ardi.

22 Isaan kunneen ilmaan Raahel Yaaʼikuubiif deessee dha; isaanis walumaa galatti nama kudha afur turan.

23 Ilmi Daan:

Hushiimii dha.

24 Ilmaan Niftaalem:

Yahizeel, Guunii, Yeexerii fi Shiileem.

25 Isaan kunneen ilmaan Bilihaan Yaaʼikuubiif deessee dha; Bilihaan ishee Laabaan intala isaa Raaheliif kenne sanaa dha; isaan walumaa galatti nama torba turan.

26 Namoonni Yaaʼikuub wajjin Gibxitti godaanan utuu niitota ilmaan isaa hin dabalatin sanyiin isaa walumaa galatti jaatamii jaʼa turan. 27 Ilmaan Gibxitti Yuusufiif dhalatan lamaan dabalatee miseensonni maatii Yaaʼikuub warri Gibxitti godaanan walumaa galatti torbaatama turan.

28 Yaaʼikuubis akka inni dhaqee karaa Gooshenitti nama geessu gaafatuuf Yihuudaa of dura gara Yuusufitti erge. Yommuu isaan Gooshen gaʼanitti, 29 Yuusuf gaarii isaa qopheeffatee abbaa isaa Israaʼel simachuuf Gooshenitti qajeele. Innis akkuma fuula isaa duratti mulʼateen morma isaatti marmee yeroo dheeraa booʼe.

30 Israaʼelis Yuusufiin, "Ani sababii akka ati amma iyyuu lubbuun jirtu ofii kootiin argeef siʼachi duʼu illee hin gaabbu" jedhe.

31 Yuusufis obboloota isaatii fi warra mana abbaa isaa jiraataniin akkana jedhe; "Ani ol baʼee Faraʼoonitti nan dubbadha; akkanas nan jedhaan; ‘Obboloonni koo fi warri mana abbaa koo jiraatan kanneen biyya Kanaʼaan jiraachaa turan natti dhufaniiru. 32 Namoonni kunneen tiksoota; isaan loon tikfatuutii. Isaan bushaayee isaanii, loonii fi waan qaban hunda fudhatanii dhufan.’ 33 Yoo Faraʼoon ofitti isin waamee, ‘Hojiin keessan maal?’ jedhee isin gaafate, 34 ‘Nu garboonni kee akkuma abbootii keenyaa ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti horii tikfachaa turre’ jedhaa deebisaa. Yoos inni sababii tiksoonni hundinuu warra Gibxi biratti jibbamaniif akka isin biyya Gooshen keessa jiraattan isinii eeyyamaa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-