1 Aadam niitii isaa Haawaa bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaabiilin deesse. Isheenis, "Ani gargaarsa Rabbii Allaahatiin ilma tokko argadheera" jette. 2 Itti aansitees obboleessa isaa Haabiilin deesse.
Haabiil tiksee hoolotaa ture; Qaabiil immoo lafa qota ture. 3 Yeroo muraasa keessatti Qaabiil waan lafti baafteef keessaa Rabbii Allaahaf aarsaa dhiʼeesse. 4 Haabiil immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Rabbii Allaahan faara tolaadhaan gara Haabiilii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale. 5 Gara Qaabiilii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaabiil akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe.
6 Rabbii Allaahanis Qaabiiliin akkana jedhe; "Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe? 7 Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda."
8 Qaabiilis ergasii obboleessa isaa Haabiiliin, "Kottu mee dirreetti baanaa" jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaabiil obboleessa isaa Haabiilitti kaʼee isa ajjeese.
9 Rabbii Allaahanis, "Obboleessi kee Haabiil eessa jira?" jedhee Qaabiil gaafate.
Qaabiil immoo, "Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?" jedhee deebise.
10 Rabbii Allaahan akkana jedhe; "Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira. 11 Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta. 12 Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata."
13 Qaabiil immoo Rabbii Allaahan akkana jedhe; "Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol. 14 Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa."
15 Rabbii Allaahan garuu, "Akkana miti; namni Qaabiilin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama" jedheen. Rabbii Allaahanis akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaabiilitti mallattoo godhe. 16 Ergasiis Qaabiil fuula Rabbii Allaah duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.
17 Qaabiil niitii isaa beeke; isheenis ulfooftee Henookin deesse. Qaabiilis magaalaa tokko hundeesse; magaalaa sanas Henook jedhee maqaa ilma isaatiin waame. 18 Henook Iiraadin dhalche; Iiraadi Meʼeelin dhalche; Mehuuyaaʼeel Matusaaʼelin dhalche; Matusaaʼel immoo Laamehin dhalche.
19 Laameh dubartoota maqaan isaanii Aadaa fi Xiilaa jedhamu lamaan fuudhe. 20 Aadaan Yaabaalin deesse; Yaabaalis abbaa warra dunkaana keessa jiraatanii horii horsiisanii ture. 21 Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture; inni immoo abbaa warra kiraara rukutaniitii fi ulullee afuufanii ti. 22 Xiilaan immoo ilma Tuubaal Qaabiil jedhamu kan naasii fi sibiila tumee meeshaawwan garaa garaa hojjetu deesse; obboleettiin Tuubaal Qaabiilis Naʼamaa turte.
23 Laameh niitota isaatiin akkana jedhe;
"Aadaa fi Xiilaan na dhagaʼaa;
yaa niitota Laamehii dubbii koo dhaggeeffadhaa.
Nama tokko waan inni na madeesseef,
dargaggeessa tokko waan inni na miidheef ani isa ajjeeseera.
24 Yoo Qaabiiliif dachaa torba haaloon baafame
Laamehiif immoo dachaa torbaatamii torba ni baafama."
25 Aadam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, "Erga Qaabiil Haabiilin ajjeesee as Allaahan iddoo Haabiil daaʼima biraa naa kenneera" jettee "Seeti" jettee moggaafte. 26 Seetiifis ilmi ni dhalate; innis Enoosh jedhee isa moggaase.
Bara sana namoonni maqaa Rabbii Allaah waammachuu jalqaban.