1 Saaraan waggaa dhibba tokkoo fi digdamii torba jiraatte; barri jireenya Saaraas kanuma ture. 2 Isheenis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon biyya Kanaʼaan keessaa sanatti duute; Ibraahimis Saaraadhaaf gadduu fi booʼuudhaaf jedhee dhaqe.
3 Ibraahim reeffa niitii isaa biraa kaʼee Heetotaan akkana jedhe; 4 "Ani gidduu keessanitti ormaa fi keessummaa dha. Akka ani duʼaa koo itti qabbaradhuuf lafa qabriif taʼu natti gurguraa."
5 Heetonnis akkana jedhanii Ibraahimiif deebii kennan; 6 "Gooftaa, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti shuumii jabaa dha. Duʼaa kee iddoo qabrii keenyaa keessaa kan akka malee filatamaa taʼetti qabbaradhu. Nu keessaa namni iddoo qabrii isaatti duʼaa kee qabbarachuu si dhowwatu tokko iyyuu hin jiru."
7 Ibraahimis ol kaʼee fuula namoota biyya sanaa fuula Heetotaa duratti gad jedhee harka fuudhe. 8 Akkanas isaaniin jedhe; "Ani duʼaa koo akkan qabbaradhu fedhii yoo qabaattan na dhagaʼaatii Efroon ilma Zoohar sana naa kadhadhaa. 9 Innis holqa Makfelaa jedhamu kan qarqara lafa qotiisaa isaatti argamu sana natti ni gurgura. Inni iddoo qabrii sana gatii guutuudhaan fuula keessan duratti akka natti gurguruuf naa gaafadhaa."
10 Efroon Heetichi saba isaa gidduu taaʼaa ture; innis utuma Heetonni gara karra magaalaa isaa dhufan sun hundi dhagaʼanuu akkana jedhee Ibraahimiif deebii kenne; 11 "Gooftaa ko, akkana miti; mee na dhaggeeffadhu; ani lafa qotiisaa kana siif nan kenna; holqa achi jirus siif nan kenna; ani fuula saba koo duratti holqa kana siifin kenna; duʼaa kee itti qabbaradhu."
12 Ibraahim amma illee fuula saba biyya sanaa duratti gad jedhee harka fuudhee, 13 utuma isaan dhagaʼanuu Efrooniin, "Yoo fedhii kee taʼe, na dhagaʼi. Ani gatii lafa qotiisaa kanaa nan kaffala. Akka ani duʼaa koo achitti qabbaradhuuf gatii kana na harkaa fudhadhu" jedhe.
14 Efroonis akkana jedhee Ibraahimiif deebii kenne; 15 "Gooftaa ko, mee na dhagaʼi; gatiin lafa kanaa meetii saqilii dhibba afur taʼa; garuu kun anaa fi si gidduutti maali? Duʼaa kee itti qabbaradhu."
16 Ibraahimis waan Efroon dubbate sana fudhatee gatii inni utuma Heetonni dhagaʼanuu himate sana madaaleef; gatiin sunis akka madaalii daldaltoota yeroo sanaatti meetii saqilii dhibba afur ture.
17 Akkasitti lafti qotiisaa Efroon kan fuula Mamree dura, Makfelaa keessa jiru sun jechuunis lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru, mukni daangaa lafa qotiisaa sana keessa jiru hundi, 18 fuula Heetota gara karra magaalaa dhufan hundaa duratti akka dhaalaatti Ibraahimitti dabarfame. 19 Ergasii Ibraahim biyya Kanaʼaan keessa, holqa Makfelaa kan Mamree bira jechuunis Kebroon bira jiru sanatti niitii isaa Saaraa qabbarate. 20 Akkasitti lafa qotiisaa sunii fi holqi achi keessaa akka lafa qabrii taʼuuf Heetota irraa akka dhaalaatti Ibraahimitti dabarfame.