1 Kana irratti Yuusuf namoota hunda duratti of qabuu dadhabee, "Namoota hunda fuula koo duraa gad yaasaa!" jedhee iyye. Kanaaf yommuu Yuusuf obboloota isaatti of beeksisetti namni tokko iyyuu isa bira hin turre. 2 Sababii inni guddisee booʼeef warri Gibxi ni dhagaʼan; warra masaraa Faraʼoon birattis ni dhagaʼame.
3 Yuusufis obboloota isaatiin, "Ani Yuusuf; abbaan koo amma iyyuu jiraa?" jedhee gaafate. Obboloonni isaa garuu sababii fuula isaa duratti naʼanii turaniif deebii isaaf kennuu hin dandeenye.
4 Yuusufis obboloota isaatiin, "Mee as natti dhiʼaadhaa" jedhe. Isaan isatti dhiʼaannaan inni akkana jedhe; "Ani Yuusuf obboleessa keessan isa isin Gibxitti gurgurtan sanaa dha! 5 Ammas sababii asitti na gurgurtaniif hin gaabbinaa; ofittis hin aarinaa. Allaahan lubbuu baraaruuf jedhee isin dura na ergeeraatii. 6 Waggoota lamaan kana beelatu biyyattii keessa ture; waggoota shanan dhufan keessas lafa qotachuu fi midhaan galfachuun hin jiru. 7 Allaahan lafa irratti sanyii isiniif hambisuu fi furii guddaadhaan lubbuu keessan oolchuuf jedhee isin dura na erge.
8 "Allaahatu as na erge malee isin miti. Inni Faraʼooniif abbaa na godhe; warra mana isaa jiran hunda irratti gooftaa, biyya Gibxi hunda irratti immoo bulchaa na godhe. 9 Ammas dafaa gara abbaa kootti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa; ‘Ilmi kee Yuusuf akkana jedha: Allaahan Gibxi hunda irratti gooftaa na godheera. Gara kootti gad buʼi; hin turinis. 10 Ati biyya Gooshen keessa ni jiraatta; ati, ijoolleen keetii fi ijoolleen ijoollee keetii, bushaayeen kee, loon keetii fi wanni ati qabdu hundi natti dhiʼaattanii jiraatu. 11 Sababii amma iyyuu waggaan beelaa shan dhufaa jiruuf ani achitti sin soora; yoo kanaa achii atii fi warri mana kee jiraatan, wanni ati qabdu hundinuus ni rakkattu.’
12 "Akka namni isinitti dubbachaa jiru kun anuma taʼe kunoo, iji keessan, iji obboleessa koo Biniyaamis ni arga. 13 Ulfina Gibxi keessatti naa kenname hundaa fi waan argitan hunda abbaa kootti himaa. Abbaa koos dafaatii as fidaa."
14 Ergasiis morma obboleessa isaa Biniyaamitti marmee booʼe; Biniyaamis booʼaa isa hammate. 15 Yuusufis obboloota isaa hunda dhungatee itti booʼe. Ergasii obboloonni isaa isa wajjin haasaʼan.
16 Yommuu akka obboloonni Yuusuf dhufan masaraa Faraʼoonitti dhagaʼametti, Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa ni gammadan. 17 Faraʼoonis Yuusufiin akkana jedhe; "Obboloota keetiin akkana jedhi; ‘Waan kana godhaa: Horii keessan feʼadhaa biyya Kanaʼaaniitti deebiʼaatii 18 abbaan keessanii fi maatiiwwan keessan natti fidaa. Ani lafa biyya Gibxi keessaa lafa hunda caalu isiniif nan kenna. Isin cooma biyyattii ni nyaattu.’
19 "Akkasumas akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waan kana godhaa: Ijoollee keessaniifis, niitota keessaniifis biyya Gibxiitii gaariiwwan fudhadhaa; abbaa keessanis fidaatii kottaa. 20 Waaʼee qabeenya keessanii hin yaaddaʼinaa; wanni biyya Gibxi guutuu keessaa waan hunda caalu kan keessan taʼaatii.’ "
21 Ilmaan Israaʼelis akkasuma godhan. Yuusufis akkuma Faraʼoon isa ajajetti gaariiwwan kenneefii karaa isaaniitiif illee galaa galaaseef. 22 Tokkoo tokkoo isaaniitiif wayyaa kenne; Biniyaamiif garuu meetii saqilii dhibba sadiitii fi wayyaa irraa jalaa shan kenne. 23 Abbaa isaatiif immoo harroota, wanni biyya Gibxi gaggaariin itti feʼame kudhan, akkasumas harroota dhaltuu midhaan, buddeenaa fi galaan biraa karaa isaatiif itti feʼame kudhan erge. 24 Innis akkasitti obboloota isaa erge; innis yeroo isaan qajeelanitti, "Karaatti wal hin lolinaa!" jedheen.
25 Isaanis Gibxi keessaa ol baʼanii gara biyya Kanaʼaan abbaa isaanii Yaaʼikuub bira dhaqan. 26 Isaanis, "Yuusuf amma iyyuu jira! Biyya Gibxi guutuu iyyuu isumatu bulcha" jedhaniin. Yaaʼikuub immoo naasuudhaan of wallaale; jara amanuus hin dandeenya. 27 Garuu yeroo jarri waan Yuusuf isaaniin jedhe hunda isatti himanii innis gaariiwwan Yuusuf isa fichisiisuuf ergeef sana argetti lubbuun abbaa isaanii Yaaʼikuub ni bayyanatte. 28 Israaʼelis, "Na gaʼa! Ilmi koo Yuusuf amma iyyuu jira. Anis utuun hin duʼin dhaqee isa nan arga" jedhe.