Publicidade

Gênesis 35

Yaaʼikuub Beetʼeelitti Deebiʼe

1 Allaahan Yaaʼikuubiin, "Kaʼiitii Beetʼeelitti ol baʼii achi jiraadhu; achittis Allaah yeroo ati obboleessa kee Esaawun baqatetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa tolchi" jedhe.

2 Yaaʼikuub warra mana isaa jiranii fi warra isa wajjin turan hundaan akkana jedhe; "Waaqeffatamtoota ormaa kanneen isin of biraa qabdan irraa fagaadhaa; of qulqulleessaa; uffata keessanis geeddaradhaa. 3 Kottaa kaanee Beetʼeelitti ol baanaa; anis achitti Allaah gaafa rakkina kootii deebii naa kenne isa iddoo ani dhaqe hundumatti na wajjin ture sanaaf iddoo aarsaa nan tolcha." 4 Isaanis waaqeffatamtoota ormaa kanneen isaan of biraa qaban hundaa fi lootii gurra isaanii Yaaʼikuubitti kennan; Yaaʼikuubis fuudhee qilxuu Sheekemii jalatti qabbare. 5 Isaanis kaʼanii qajeelan; akka namni tokko iyyuu isaan duukaa hin buuneef naasisuun Allaaha magaalaawwan naannoo isaanii jiran irra buʼe.

6 Yaaʼikuubii fi namoonni isa wajjin turan hundi gara Luuzi kan Beetʼeel jedhamtuu ishee biyya Kanaʼaan keessatti argamtu sanaa dhufan. 7 Innis achitti iddoo aarsaa tolchee sababii yeroo inni obboleessa isaa jalaa baqachaa turetti Allaahan achitti isatti of mulʼiseef iddoo sana El Beetʼeel jedhee waame.

8 Debooraan guddiftuun Ribqaa duutee Beetʼeelii gaditti qilxuu jalatti qabbaramte. Maqaan isaas Aloonbaakut jedhame.

9 Erga Yaaʼikuub kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee Allaahan ammas isatti mulʼatee isa eebbise. 10 Allaahan, "Maqaan kee Yaaʼikuub; siʼachi garuu ati Yaaʼikuub hin jedhamtu; maqaan kee Israaʼel jedhama" jedheen. Maqaan isaas Israaʼel jedhame.

11 Allaahan akkana isaan jedhe; "Ani Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha; hori; baayʼadhus. Sabnii fi waldaan sabootaa sirraa argamu; mootonnis mudhii kee keessaa baʼu. 12 Ani biyya Ibraahimii fi Yisihaaqiif kenne siifis nan kenna; ani biyya kana sanyii kee warra si booddeetiifis nan kenna." 13 Allaahanis iddoo itti isa wajjin haasaʼaa ture sanatti isa dhiisee ol baʼe.

14 Yaaʼikuub iddoo itti Allaahan isa wajjin dubbate sana utubaa dhagaa tokko dhaabee kennaa dhugaatii irratti dhangalaase; zayitiis irratti dhangalaase. 15 Yaaʼikuubis iddoo itti Allaahan isa wajjin dubbate sana Beetʼeel jedhee moggaase.

Duʼa Raahelii fi Yisihaaq

16 Isaanis Beetʼeelii kaʼanii adeemsa isaanii itti fufan. Akkuma isaan Efraataatti dhiʼaataniinis Raahel ciniinsuun qabamtee akka malee muddamte. 17 Utuu isheen daʼuuf ciniinsuu jabaa keessa jirtuus deessiftuun, "Ati waan ilma biraa deessuuf hin sodaatin" jetteen. 18 Raahel garuu waan duʼuu geesseef utuma lubbuun ishee baʼaa jirtuu Ben-Oonii jettee ilma ishee moggaafte. Abbaan isaa garuu Biniyaam jedhee isa moggaase.

19 Akkasiin Raahel duutee karaa Efraataatti geessu irratti qabbaramte; Efraataan kun immoo Beetlihem. 20 Yaaʼikuubis qabrii ishee irra soodduu dhaabe; soodduun sunis hamma harʼaattuu qabrii Raahel argisiisa.

21 Israaʼel ammas achii kaʼee Migdaal Eederiin gamatti dunkaana isaa dhaabbate. 22 Utuu Israaʼel biyya sana jiraatuu Ruubeen ol seenee saajjatoo abbaa isaa Bilihaa wajjin ciise; Israaʼelis waan kana dhagaʼe.

Yaaʼikuub ilmaan kudha lama qaba ture; isaanis:

23 Ilmaan Liyaa:

Ruubeen jechuunis ilma Yaaʼikuub isa hangafa,

Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakorii fi Zebuuloon.

24 Ilmaan Raahel:

Yuusufii fi Biniyaam.

25 Ilmaan Bilihaa jechuunis xomboree Raahel:

Daanii fi Niftaalem.

26 Ilmaan Zilfaa jechuunis xomboree Liyaa:

Gaadii fi Aasheer.

Isaan kunneen ilmaan Yaaʼikuub kanneen kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitti isaaf dhalatanii dha.

27 Yaaʼikuubis gara abbaa isaa, gara Yisihaaq, gara magaalaa Mamree ishee Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtuu, iddoo Ibraahimii fi Yisihaaq alagoota taʼanii jiraachaa turan sanaa dhufe. 28 Yisihaaq waggaa dhibba tokkoo fi saddeettama jiraate. 29 Innis umurii quufee, dulloomee hafuura isaa kan dhumaa baafatee duʼe; gara saba isaattis dabalame. Ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaʼikuubis isa qabbaran.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-