1 Uumamni shamaayʼuniitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame.
2 Allaahan hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote. 3 Allaahan sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.
4 Seenaan shamaayʼuniiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo Rabbii Allaahan, Allaahan lafaa fi shamaayʼuniiwwan uumee kanaa dha.
5 Sababii Rabbii Allaahan, Allaahan bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture. 6 Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture. 7 Rabbii Allaahan, Allaahan biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
8 Rabbii Allaahanis, Allaahan Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe. 9 Rabbii Allaahan, Allaahan mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture.
10 Lagni iddoo biqiltuu sana obaasu tokkos Eeden keessaa burqa ture; lagni sun Eedenii kaʼee gargar baʼee laga afur taʼe. 11 Maqaan laga tokkoffaa Phiishoon; innis guutummaa biyya Hawiilaa, iddoo warqeen jirutti naannaʼee yaaʼa. 12 Warqeen biyya sanaa gaarii dha; hapheen urgaaʼuu fi sardooniksiin achitti argamu. 13 Maqaan isa lammaffaa Giihooni; innis guutummaa lafa Itoophiyaatti naannaʼee yaaʼa. 14 Maqaan laga sadaffaa Xegroosi; innis karaa baʼa biiftuutiin Asoor cina yaaʼa. Lagni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
15 Rabbii Allaahan, Allaahan akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe. 16 Rabbii Allaahanis, Allaahan akkana jedhee nama ajaje; "Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa; 17 garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii."
18 Rabbii Allaahan, Allaahan, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.
19 Rabbii Allaahanis, Allaahan bineensaa fi simbirroota shamaayʼun hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef. 20 Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota shamaayʼun hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase.
Aadamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne. 21 Kanaafis Rabbii Allaahan, Allaahan akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche. 22 Rabbii Allaahan, Allaahan lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
23 Namichis akkana jedhe;
"Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti;
foon kunis foon foon kootii ti;
isheen waan dhiira irraa argamteef
‘dubartii’ jedhamti."
24 Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
25 Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.