Publicidade

Gênesis 10

Sanyii Ilmaan Nuuhi

1 Seenaan ilmaan Nuuhi jechuunis kan Seem, kan Haamii fi kan Yaafet kana; isaanis bishaan badiisaa booddee ilmaan dhalchan.

Sanyii Yaafeti

2 Ilmaan Yaafet:

Goomer, Maagoog, Meedee, Yaawaan, Tuubaal, Meshekii fi Tiiraas turan.

3 Ilmaan Goomer:

Ashkenas, Riifaatii fi Toogarmaa turan.

4 Ilmaan Yaawaan:

Al-yaasaʼaa, Tarshiish, Kitiimii fi Roodaanota turan. 5 Uummanni qarqara galaanaas tokkoon tokkoon isaanii akkuma afaan isaaniittii fi akkuma saba isaaniitti gara biyyoota isaaniitti bibittinnaaʼan.

Sanyii Kaam

6 Ilmaan Haam:

Kuushi, Misrayim, Fuuxii fi Kanaʼaan turan.

7 Ilmaan Kuushi:

Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Raʼimaa fi Sabtekaa turan.

Ilmaan Raʼimaa:

Shebaa fi Dedaan turan.

8 Kuushi abbaa Naamruud; Naamruudis lafa irratti loltuu jabaa taʼe. 9 Innis fuula Rabbii Allaah duratti adamsaa jabaa ture; kanaafuu, "Fuula Rabbii Allaah duratti adamsaa jabaa akka Naamruudi" jedhame. 10 Jalqabni mootummaa isaa Shineʼaar keessatti Baabilon, Ereki, Akaadii fi Kaalnee ture. 11 Innis biyya sanaa baʼee Asoor dhaqe; achittis Nanawwee, Rehoobootii fi Kaalahi ijaare; 12 akkasumas Resen ishee Nanawwee fi Kaalah gidduutti argamtu ni ijaare; Resen kunis magaalaa guddoo dha.

13 Misrayim immoo abbaa

Luudiimootaa, Anaamiimotaa, Lehaabiimotaa, Naftahiimootaa, 14 Fatrusiimotaa, Kaseluhiimotaa, jechuunis warra Filisxeemonni irraa dhalatanii fi Kaftooriimotaa ti.

15 Kanaʼaan abbaa Siidoon

ilma isaa hangaftichaa, akkasumas kan Heetotaa, 16 Yebuusotaa, Amoorotaa, Girgaashotaa, 17 Hiiwotaa, Arkaawotaa, Siinotaa, 18 Arwaadewotaa, Zemaarotaatii fi Hamaatotaa ture.

Ergasii gosoonni Kanaʼaan ni bibittinnaaʼan; 19 daariin Kanaʼaanis Siidoonii kaʼee karaa Geraaraatiin hamma Gaazaatti balʼate; karaa Sodoom, Gomoraa, Adimaatii fi Zebooʼiimiitiinis hamma Leshaatti balʼate.

20 Ilmaan Haam akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.

Sanyii Seem

21 Seemiifis ilmaan ni dhalatan; obboleessi Seem hangafti Yaafet ture; Seemis abbaa ilmaan Eeber hundaa ture.

22 Ilmaan Seem

Eelaam, Ashuur, Arfaakshad, Luudii fi Arraam turan.

23 Ilmaan Arraam

Uuzi, Huuli, Geterii fi Meshek turan.

24 Arfaakshad Sheelaa dhalche;

Sheelaan immoo Eeberin dhalche.

25 Eeberiifis ilmaan lamatu dhalate; sababii bara isaa keessa lafti gargar qoodamteef

maqaan isa tokkoo Felegi jedhamee moggaafame; maqaan obboleessa isaa immoo Yooqxaan jedhamee moggaafame.

26 Yooqxaan immoo

Almoodaad, Sheleef, Hazarmaawet, Yaaraa, 27 Hadooraam, Uuzaal, Diqlaa, 28 Oobaal, Abiimaaʼeel, Shebaa, 29 Oofiir, Hawiilaa fi Yoobaabin dhalche. Warri kunneen hundinuu ilmaan Yooqxaanii ti.

30 Lafti jireenya isaanii Meeshaa kaʼee karaa Sefaariitiin hamma gaarran baʼa biiftuutti balʼata.

31 Ilmaan Seemi akkuma gosaa fi afaan isaaniitti, akkuma biyyaa fi saba isaaniitti kanneenii dha.

32 Warri kun gosoota ilmaan Nuuhi kanneen akkuma dhaloota isaaniitti saba isaanii keessa jiranii dha; bishaan badiisaatiin booddee saboonni warruma kana irraa lafa irra faffacaʼan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-