Publicidade

Gênesis 50

1 Yuusufis abbaa isaa irratti kufee booʼeef; isa dhungates. 2 Ergasii immoo Yuusuf tajaajiltoota isaa kanneen ogeessota fayyaa taʼan akka isaan reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuuman ajaje; jarris reeffa Israaʼel qorichaan sukkuuman; 3 waan kana gochuun bultii afurtama guutuu isaanitti fudhate; yeroon qoricha reeffa dibuuf barbaachisu kana tureetii. Warri Gibxiis bultii torbaatama isaaf booʼan.

4 Guyyoonni gaddaa darbinaan Yuusuf warra mana Faraʼoon jiraataniin akkana jedhe; "Yoo ani fuula keessan duratti fudhatama argadheera taʼe, akkana jedhaatii Faraʼoonitti naa himaa: 5 ‘Abbaan koo akkana jedhee na kakachiiseera; "Kunoo ani duʼuu gaʼeera; qabrii ani biyya Kanaʼaan keessatti ofii kootiif qotadhetti na qabbaraa." Kanaafuu maaloo ani amma dhaqee abbaa koo nan qabbaradha; ergasii immoo nan deebiʼa.’ "

6 Faraʼoonis, "Dhaqiitii akkuma inni si kakachiise sanatti abbaa kee qabbaradhu" jedheen.

7 Yuusufis abbaa isaa qabbarachuu dhaqe. Qondaaltonni Faraʼoon hundinuu hangafoonni mana isaatii fi hangafoonni Gibxi hundi isa wajjin deeman. 8 Akkasumas warri mana Yuusuf jiraatan, obboloota isaatii fi warri mana abbaa isaa jiraatan hundi isa wajjin deeman. Ijoollee isaanii, bushaayee isaaniitii fi loon isaanii qofattu, Gooshenitti hafe. 9 Gaariiwwanii fi warri farda yaabbatanis isa wajjin deeman. Tuunni sunis akka malee guddaa ture.

10 Isaanis yommuu Yordaanos gama oobdii Axaad bira gaʼanitti sagalee isaanii ol fudhatanii gadoodanii booʼan. Yuusufis achitti abbaa isaatiif guyyaa torba booʼe. 11 Namoonni Kanaʼaan warri achi jiraachaa turan booʼicha oobdii Axaad biratti booʼame sana arganii, "Booʼichi kun warra Gibxiitiif booʼicha guddaa dha" jedhan. Kanaafuu iddoon sun Abeel Misraayim jedhamee moggaafame. Iddoon sunis Yordaanos gamatti argama.

12 Ilmaan Yaaʼikuub akkuma inni isaan ajaje sana godhan; 13 isaanis biyya Kanaʼaanitti isa geessanii holqa Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Ibraahim iddoo qabrii godhachuudhaaf Efroon namicha gosa Heeti sana irra lafa qotiisaa wajjin bitate sanatti qabbaran. 14 Yuusuf erga abbaa isaa qabbaratee booddee obboloota isaatii fi warra isa wajjin abbaa isaa qabbaruu dhaqan hunda wajjin Gibxitti deebiʼe.

Yuusuf Obboloota Isaa Jajjabeesse

15 Obboloonni Yuusuf erga abbaan isaanii duʼee booddee, "Yoo Yuusuf hamaa nu isatti hojjennee hundaaf haaloo qabatee haaloo nutti baʼe hoo?" jedhan. 16 Isaanis akkana jedhanii Yuusufitti dhaammatan; "Abbaan kee utuu hin duʼin dura akkana jedhee ajaje; 17 ‘Isin akkana jedhaa Yuusufitti himaa; ani akka ati cubbuu fi balleessaa obboloonni kee si miidhuuf jedhanii sitti hojjetan sana isaanii dhiiftu sin kadhadha.’ Maaloo cubbuu tajaajiltoota Allaah abbaa keetii dhiisi." Yuusufis yommuu ergaa isaanii dhagaʼetti ni booʼe.

18 Obboloonni isaas dhufanii fuula isaa duratti lafa dhaʼanii, "Kunoo nu garboota kee ti" jedhan.

19 Yuusuf garuu akkana isaaniin jedhe; "Hin sodaatinaa. Anatu iddoo Allaaha buʼaa? 20 Isin hamaa natti yaaddan; Allaahan garuu akkuma amma taʼee jiru kana lubbuu nama baayʼee baraaruuf jedhee waan gaariif yaade. 21 Egaa hin sodaatinaa. Ani isinii fi ijoollee keessan nan sooraatii." Innis waan garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee isaan jajjabeesse.

Yuusuf Duʼuu Isaa

22 Yuusuf maatii abbaa isaa wajjin Gibxi keessa ture. Innis waggaa dhibba tokkoo fi kudhan jiraate. 23 Dhaloota sadaffaa ijoollee Efreem arge. Akkasumas ilmaan Maakiir ilma Minaasee jilba Yuusuf irratti dhalatan.

24 Yuusufis obboloota isaatiin akkana jedhe; "Ani duʼuu gaʼeera. Allaahan garuu dhugumaan dhufee isin gargaara; biyya kanaa isin baasees gara biyya Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif kakuun waadaa gale sanaatti isin geessa." 25 Yuusufis ijoollee Israaʼel kakachiisee akkana jedheen; "Allaahan dhugumaan dhufee isin gargaara; isinis lafee koo biyya kanaa ol baasuu qabdu."

26 Yuusufis waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe. Jarris qorichaan sukkuumanii Gibxitti sanduuqa reeffaa keessa isa kaaʼan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-