1 Yeroo muraasa booddee Allaahan Ibraahimin qore. Innis, "Ibraahim!" jedhee isa waame.
Ibraahimis, "Kunoo asan jira" jedhee deebise.
2 Allaahanis akkana jedheen; "Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi."
3 Ibraahimis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Allaahan isatti hime sanaatti qajeele. 4 Guyyaa sadaffaattis Ibraahim ol ilaalee iddoo sana fagootti arge. 5 Innis hojjettoota isaatiin, "Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa" jedhe.
6 Ibraahimis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu, 7 Yisihaaq, "Yaa abbaa koo" jedhee abbaa isaa Ibraahimitti dubbate.
Ibraahimis, "Asan jira ilma koo" jedhee deebise.
Yisihaaqis deebisee, "Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?" jedhe.
8 Ibraahimis deebisee, "Yaa ilma ko, Allaahan mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna" jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.
9 Yeroo iddoo Allaahan isatti hime sana gaʼanitti, Ibraahim iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse. 10 Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate. 11 Malaʼikkaan Rabbii Allaah garuu, "Ibraahim! Ibraahim!" jedhee shamaayʼun keessaa isa waame.
Ibraahimis, "Kunoo asan jira" jedhee deebise.
12 Innis, "Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Allaah sodaattu amma beekeera" jedhe.
13 Ibraahimis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse. 14 Kanaafuu Ibraahim iddoo sana "Rabbii Allaahan ni kenna" jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, "Tulluu Rabbii Allaah irratti, ni kennama" jedhama.
15 Malaʼikkaan Rabbii Allaah sunis shamaayʼun keessaa lammata Ibraahimin waamee 16 akkana jedheen; "Rabbii Allaahan akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha; 17 ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii shamaayʼuniitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu. 18 Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama."
19 Ergasii Ibraahim tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Ibraahimis Bersheebaa keessa jiraate.
20 Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Ibraahimitti himame; "Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti;
21 ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz,
abbaan Arraam immoo Qamuʼeel,
22 Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu."
23 Betuuʼeel Ribqaa dhalche.
Miilkaan isaan kana saddeettan Naahoor obboleessa Ibraahimiif deesse.
24 Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture;
isheen ilmaan Xebaa, Gaham, Tahaashii fi Maʼakaa jedhaman deesseef.