1 Jalqabatti Allaahan shamaayʼuniiwwanii fi lafa uume. 2 Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Allaahas bishaan irra sosochoʼa ture.
3 Allaahanis, "Ifni haa taʼu" jedhe; ifnis ni taʼe. 4 Allaahanis akka ifni sun gaarii taʼe arge; ifaa fi dukkanas gargar baase. 5 Allaahanis ifa sanaan "Guyyaa" jedhe; dukkana sanaan immoo "Halkan" jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa tokkoffaa.
6 Allaahanis, "Bishaanii fi bishaan gargar baasuuf bantiin bishaanota gidduu haa jiraatu" jedhe. 7 Kanaafuu Allaahan bantii tolchee bishaan bantii jalaatii fi kan bantiin olii gargar baase. Akkasumas taʼe. 8 Allaahanis bantii sana "shamaayʼun" jedhee moggaase. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa lammaffaa.
9 Allaahanis, "Bishaan shamaayʼuniidhaa gad jiru iddoo tokkotti walitti haa qabamu; lafti gogaanis haa mulʼatu" jedhe. Akkasumas taʼe. 10 Allaahan lafa gogaa sanaan "lafa" jedhe; bishaanicha walitti qabameen immoo "galaana" jedhee moggaase. Allaahanis wanni kun akka gaarii taʼe arge.
11 Ammas Allaahan, "Lafti biqiltuuwwan haa baastu; biqiltuuwwan akkuma gosa gosa isaaniitti sanyii baasan, mukkeen ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa gosa isaaniitti lafa irratti haa argaman" jedhe. Akkasumas taʼe. 12 Laftis biqiltuu akkuma gosa isaatti sanyii baasu, muka ija kennu, kan iji isaas sanyii of keessaa qabu adduma addaan akkuma gosa isaatti baaste. Allaahanis wanni kun akka gaarii taʼe arge. 13 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa sadaffaa.
14 Allaahanis akkana jedhe; "Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii shamaayʼun irratti ifawwan haa taʼan; isaanis mallattoowwan waqtiileen, guyyoonnii fi waggoonni ittiin beekaman haa taʼan; 15 isaanis ifawwan bantii shamaayʼun irraa kan lafaaf ifa kennan haa taʼan." Akkasumas taʼe. 16 Allaahan ifa gurguddaa lama uume; kunis akka ifni guddaan guyyaa, inni xinnaan immoo halkan moʼuuf. Akkasuma urjiiwwan illee uume. 17 Allaahanis akka isaan lafaaf ifa kennaniif bantii shamaayʼun irra isaan kaaʼe; 18 kunis akka isaan guyyaa fi halkan moʼanii fi akka ifa sana dukkana irraa gargar baasaniif. Allaahanis wanni kun akka gaarii taʼe arge. 19 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa afuraffaa.
20 Allaahanis, "Bishaan uumamawwan lubbu qabeeyyii munyuuqaniin haa guutamu; simbirroonnis lafaa olitti, bantii shamaayʼun keessa haa barrisan" jedhe. 21 Kanaafuu Allaahan uumamawwan galaanaa gurguddaa, lubbu qabeeyyii munyuuqan kanneen galaana keessa jiraatan hundaa fi simbirroota qoochoo qaban hunda akkuma gosa isaaniitti uume. Allaahanis wanni kun akka gaarii taʼe arge. 22 Allaahanis, "Horaa; baayʼadhaa; bishaan galaanotaas guutaa; simbirroonnis lafa irratti haa baayʼatan" jedhee isaan eebbise. 23 Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa shanaffaa.
24 Allaahanis, "Lafti akkuma gosa gosa isaaniitti uumamawwan lubbuu qabeeyyii jechuunis horii, uumamawwan lafa irra mumunyuuqan, bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti haa kennitu" jedhe. Akkasumas taʼe. 25 Allaahan bineensota akkuma gosa gosa isaaniitti, horii akkuma gosa gosa isaaniitti, uumamawwan lafa irra mumunyuuqanis akkuma gosa gosa isaaniitti uume. Allaahan wanni kun akka gaarii taʼe arge.
26 Allaahanis, "Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo shamaayʼun irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan" jedhe.
27 Kanaafuu Allaahan akka bifa isaatti nama uume;
akka bifa Allaahatti isa uume;
innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
28 Allaahanis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota shamaayʼun irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.
29 Ergasii Allaahan akkana jedhe; "Kunoo ani akka isaan nyaata isinii taʼaniif biqiltuu lafa hunda irratti sanyii kennu hundaa fi muka iji isaa sanyii of keessaa qabu gosa hunda isinii kenneera. 30 Anis bineensa lafaa hundaaf, simbirroota shamaayʼun hundaaf, uumama lafa irra munyuuqu hundaaf jechuunis waan hafuura jireenyaa of keessaa qabu hundaaf akka nyaata isaanii taʼuuf biqiltuu lalisaa hunda nan kenna." Akkasumas taʼe.
31 Allaahanis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.