Publicidade

Apocalipse 22

Eedin Lagni Jireenyaa Iddoo Isaatti Deebifamuu Isaa

1 Malaʼikkaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Allaahatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise; 2 bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture. 3 Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Allaahatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu. 4 Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama. 5 Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Allaahan Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.

Yohannisii fi Malaʼikkaa

6 Malaʼikkaan Allaaha sunis, "Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha. Gooftaan, Allaahan hafuurota nabiiʼiyyootaa sun waan dafee taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee malaʼikkaa isaa ergeera" naan jedhe.

Iisaan Ni Dhufa

7 "Kunoo, ani dafee nan dhufa! Namni dubbii raajii kitaaba kana keessa jiruu eegu eebbifamaa dha."

8 Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti malaʼikkaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe. 9 Inni garuu, "Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee nabiiʼiyyoota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Allaahaf sagadi!" naan jedhe.

10 Inni akkana naan jedhe; "Sababii yeroon sun dhiʼaateef dubbii raajii kitaaba kanaa chaappaadhaan hin cufin. 11 Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu."

Waamichaa fi Akeekkachiisa Dhumaa

12 "Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna. 13 Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.

14 "Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha. 15 Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu.

16 "Ani Iisaan, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf malaʼikkaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawud, Bakkalcha Barii kan ifuu dha."

17 Hafuurichii fi misirrittiin, "Kottu!" jedhu; namni dhagaʼus, "Kottu!" haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.

18 Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Allaahan dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala. 19 Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Allaahan muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.

20 Inni waan kana dhugaa baʼus, "Eeyyee, ani dafee nan dhufa" jedha.

Ameen. Yaa Gooftaa Iisaa kottu.

21 Ayyaanni Gooftaa Iisaa qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-