Publicidade

Apocalipse 8

Chaappaa Torbaffaa

1 Yommuu Hoolichi chaappaa torbaffaa banetti gara walakkaa saʼaatii tokkoo shamaayʼun keessa tasgabbiitu ture.

Girgiraa Warqee

2 Anis malaʼikkoota fuula Allaaha dura dhadhaabatan torban arge; isaaniifis malakanni torba ni kenname.

3 Malaʼikkaan biraa kan girgiraa warqee qabu tokko dhufee iddoo aarsaa bira dhaabate. Innis iddoo aarsaa warqee kan fuula teessichaa dura jiru sana irratti akka duʼaa qulqulloota hundumaa wajjin dhiʼeessuuf ixaanni baayʼeen isaaf ni kenname. 4 Aarri ixaana sanaas duʼaa qulqullootaa wajjin harka malaʼikkaa sanaa keessaa fuula Allaaha duratti ol baʼe. 5 Malaʼikkaan sunis girgiraa fuudhee iddoo aarsaa irraa ibidda itti guutee lafatti gad darbate; ergasiis sagaleen kakawwee, balaqqeessaa fi sochii lafaa ni dhagaʼame.

Malakatawwan

6 Malaʼikkoonni Allaaha torban warri malakata torban qabanis malakata afuufuuf ni qophaaʼan.

7 Malaʼikkaan jalqabaa malakata isaa afuufe; cabbii fi ibiddi dhiigaan makames lafatti gad darbatame. Lafti harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; muktis harka sadii keessaa harki tokko ni gubate; margi lalisaan hundinuus ni gubate.

8 Malaʼikkaan lammaffaanis malakata isaa afuufe; wanni tulluu guddaa fakkaatu kan ibiddaan gubachaa jiru tokkos galaanatti gad darbatame. Galaannis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe; 9 uumamawwan lubbuu qabeeyyiin galaana keessaa harka sadii keessaa harki tokko ni dhuman; dooniiwwan harka sadii keessaas harki tokko ni barbadaaʼan.

10 Malaʼikkaan sadaffaanis malakata isaa afuufe; urjiin guddaan akka gucaa bobaʼu tokkos shamaayʼun irraa lafa dhaʼe; innis lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, burqaawwan bishaanii irrattis kufe; 11 maqaan urjii sanaas "Hadheessaa" jedhama. Bishaan sunis harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼe; sababii bishaan sun hadheeffameefis namoonni baayʼeen bishaaniin dhuman.

12 Malaʼikkaan afuraffaanis malakata isaa afuufe; aduun harka sadii keessaa harki tokko, jiʼi harka sadii keessaa harki tokko, urjiinis harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kanaanis ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko ni dukkanaaʼe. Guyyaan harka sadii keessaa harki tokko akkasumas halkan harka sadii keessaa harki tokko ifa malee hafe.

13 Anis ilaalee risaa shamaayʼun walakkaa barrisaa sagalee guddaadhaan, "Sababii sagalee malakataa kan malaʼikkoota biraa sadaniin dhageessifamuuf jiru sanaatiif warra lafa irra jiraataniif Wayyoo! Wayyoo! Wayyoo!" jedhee iyyu tokko nan dhagaʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-