1 Mallattoon guddaan tokko shamaayʼun keessatti mulʼate: dubartii biiftuu uffattee miilla ishee jalaa jiʼa qabdu kan mataa ishee irraa gonfoo urjiiwwan kudha lamaa qabdu tokkotu ture. 2 Isheenis ulfa turte; yommuu daʼumsi ishee gaʼettis ciniinsuudhaan qabamtee iyyite. 3 Mallattoon biraas shamaayʼun keessatti mulʼate; kunoo, bineensa jawwee fakkaatu diimaa guddaa, mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabu, kan mataa isaa irraa gonfoo torba qabu tokkotu ture. 4 Eegeen isaas urjiiwwan shamaayʼun irra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaaʼee lafatti gad darbate. Bineensi jawwee fakkaatu sunis yeroo dubartittiin deessutti mucaa ishee liqimsuuf jedhee fuula dubartii daʼuuf jirtu sanaa dura dhaabate. 5 Isheen ilma bokkuu sibiilaatiin saba hundumaa bulchuuf jiru tokko deesse; daaʼimni ishees gara Allaahatti, gara teessoo isaattis ol butame. 6 Dubartittiinis gara lafa gammoojjii iddoo akka isheen guyyaa 1,260 achitti gabbifamtuuf jedhee Allaahan isheef qopheesseetti baqatte.
7 Lollis shamaayʼun keessatti kaʼe. Miikaaʼiilii irratti eegduu saba Israaʼel kan addaa jedhamee ibsame. Malaʼikkoonni Miikaaʼiiliis warra ajaja isa jala jiranii dha. fi malaʼikkoonni isaa bineensa jawwee fakkaatu sana lolan; bineensi jawwee fakkaatu sunii fi malaʼikkoonni isaas of irraa lolan. 8 Isaan garuu moʼachuu hin dandeenye; ergasiis iddoo isaanii kan shamaayʼun keessaa sana ni dhaban. 9 Bineensi guddaan jawwee fakkaatu sunis gad darbatame; innis bofa durii isa ibliis yookaan sheeyxaana jedhamu, isa addunyaa guutuu karaa irraa jalʼisu sanaa dha. Inni lafatti gad darbatame; malaʼikkoonni isaas isa wajjin darbataman.
10 Anis sagalee guddaa tokko shamaayʼun keessaa nan dhagaʼe; innis akkana jedha:
"Amma fayyinni, humnii fi
mootummaan Allaah keenyaa,
taayitaan Al-Masiihii isaas dhufeera.
Himataan obboloota keenyaa
inni halkanii guyyaa fuula Allaaha duratti,
isaan himatu sun gad darbatameeraatii.
11 Isaanis dhiiga Hoolichaatiin,
dubbii dhuga baʼumsa isaaniitiinis, isa moʼatan;
isaan hamma duʼaatti illee taanaan
lubbuu isaanii hin mararfanne.
12 Kanaafuu yaa shamaayʼuniiwwan,
isin warri isaan keessa jiraattanis gammadaa!
Garuu yaa lafaa fi yaa galaana isiniif wayyoo!
Ibliis gara keessanitti gad buʼeeraatii!
Innis akka yeroo gabaabaa qabu
waan beekuuf baayʼee aareera."
13 Bineensi jawwee fakkaatu sunis yommuu akka lafatti gad darbatame argetti, dubartittii daaʼima dhiiraa deesse sana ariʼachuu jalqabe. 14 Dubartittiin garuu akka gara gammoojjii iddoo isheef qopheeffametti boficha jalaa barriftuuf, achittis baraaf, barootaa fi walakkaa baraatiif akka gabbifamtuuf baalleen risaa guddaan lama isheedhaaf ni kenname. 15 Bofichis akka dubartittiin lolaadhaan fudhatamtuuf jedhee dugda ishee duubaan bishaan akka lagaa afaan isaa keessaa dhangalaase. 16 Lafti garuu afaan bantee laga bineensi jawwee fakkaatu sun afaan isaa keessaa dhangalaase sana liqimsuudhaan dubartittii gargaarte. 17 Bineensi jawwee fakkaatu sun dubartittiitti aaree sanyii ishee warra hafanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra ajaja Allaaha eeganii fi warra dhuga baʼumsa Iisaa jabeessanii qabatanii dha.