Publicidade

Apocalipse 10

Malaʼikkaa fi Kitaaba Maramaa Xinnaa

1 Anis utuu malaʼikkaan Allaaha inni jabaan biraa tokko shamaayʼun irraa gad buʼuu nan arge. Innis duumessa uffatee ture; mataa isaa irraan immoo sabbata Allaahatu ture; fuulli isaa akka aduu, miilli isaas akka utubaa ibiddaa ture. 2 Innis kitaaba maramaa xinnaa baname tokko harkatti qabatee ture. Miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaa immoo lafa irra dhaabee ture; 3 innis akkuma leenca aaduutti sagalee guddaadhaan iyye. Yommuu inni iyyettis bakakkaawwan torban ni dubbatan. 4 Yommuu bakakkaawwan torban dubbatanittis ani barreessuuf qophaaʼeen ture; garuu sagalee, "Waan bakakkaawwan torban jedhan sana chaappaan cufi malee hin barreessin" jedhu tokko shamaayʼun irraa nan dhagaʼe.

5 Malaʼikkaan ani utuu inni galaanaa fi lafa irra dhaabatuu argee ture sunis harka isaa mirgaa shamaayʼuniitti ol qabe. 6 Innis isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa shamaayʼuniiwwanii fi waan isaan keessa jiru hundumaa, lafaa fi waan isa keessa jiru hundumaa, galaanaa fi waan isa keessa jiru hundumaa uume sanaan kakatee akkana jedhe; "Ammaan achi lafa irra harkisuun hin jiru! 7 Garuu guyyoota malaʼikkaan torbaffaan malakata isaa afuufutti icciitiin Allaaha akkuma inni nabiiʼiyyoota warra hojjettoota isaa taʼanitti labse sanatti ni raawwatama."

8 Sagaleen ani shamaayʼun irraa dhagaʼee ture sun ammas deebiʼee, "Dhaqiitii kitaaba maramaa banamee malaʼikkaa galaanaa fi lafa irra dhaabatu harka jiru sana fudhadhu" naan jedhe.

9 Kanaafuu ani gara malaʼikkaa sanii dhaqee akka inni kitaaba maramaa xinnaa sana naa kennuuf isa gaafadhe. Innis, "Fudhadhuutii nyaadhu; kitaabni kun garaa kee ni hadheessa; ‘Afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa’" naan jedhe. 10 Anis kitaaba maramaa xinnaa sana malaʼikkaatii harkaa fudhadhee nan nyaadhe. Innis afaan koo keessatti akkuma dammaa miʼaawe; erga ani nyaadhe garuu garaan koo ni hadheeffame. 11 Ergasii immoo, "Ati waaʼee saba baayʼee, sanyii baayʼee, afaan baayʼeetii fi waaʼee mootota baayʼee ammas raajii dubbachuu qabda" jedhamee natti himame.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-