Publicidade

Apocalipse 11

Dhuga Baatota Lamaan

1 Shambaqqoon ulee safartuu fakkaatu tokko naa kennamee akkana jedhamee natti himame; "Dhaqiitii mana qulqullummaa Allaahatii fi iddoo aarsaa safari; warra achitti waaqeffatanis lakkaaʼi. 2 Oobdii mana qulqullummaatii ala taʼe garuu hin safarin; oobdiin sun waan Namoota Ormaatiif kennameef isa itti hin dabalin. Isaanis magaalaa qulqulluu sana jiʼa 42 lafatti dhidhiitu. 3 Anis dhuga baatota koo lamaaniif humna nan kenna; isaanis uffata gaddaa ilaalaa). uffatanii guyyaa 1,260 raajii ni dubbatu." 4 Isaan kunneenis mukkeen ejersaa lamaanii fi baattuuwwan ibsaa lamaan fuula Gooftaa lafaa dura dhaabatanii dha. 5 Namni kam iyyuu isaan miidhuu yaallaan ibiddi afaan isaaniitii baʼee diinota isaanii ni balleessa. Kunis haala namni isaan miidhuu barbaadu kam iyyuu ittiin ajjeefamuu qabuu dha. 6 Isaan yeroo raajii dubbatanitti akka bokkaan hin roobneef humna ittiin shamaayʼun cufan qabu; akkasumas bishaanota dhiigatti geeddaruudhaa fi yeroo barbaadanitti dhaʼicha gosa hundaatiin lafa rukutuuf taayitaa qabu.

7 Yommuu isaan dhuga baʼumsa isaanii xumuranittis bineensi Boolla Qilee keessaa ol baʼu sun lola isaanitti kaasa; isaan moʼata; isaan ajjeesas. 8 Reeffi isaaniis daandii magaalaa guddoo irra ni ciciisa; magaalattiin kunis ishee hiikkaa hafuuraatiin Sodoomii fi Gibxi jedhamtu kan Gooftaan isaaniis itti fannifamee turee dha. 9 Namoonni saba hunda keessaa, gosa hunda keessaa, afaanii fi sanyii hunda keessaa dhufanis guyyaa sadii fi walakkaa reeffa isaanii ilaalu; akka hin qabbaramnes ni dhowwu. 10 Nabiiʼiyyoonni lamaan kunneen waan warra lafa irra jiraatan dhiphisaa turaniif warri lafa irra jiraatan isaanitti gammadu; ni ililchus; kennaas walii ergu.

11 Guyyaa sadii fi walakkaa booddee garuu hafuurri jireenyaa Allaah biraa dhufee isaan seene; isaanis kaʼanii miilla isaaniitiin dhaabatan; warri isaan arganis akka malee sodaatan. 12 Isaanis sagalee guddaa, "As ol kottaa!" isaaniin jedhu tokko shamaayʼun irraa dhagaʼan. Utuma diinonni isaanii ilaalanuus duumessaan gara shamaayʼuniitti ol baʼan.

13 Yeroo sanattis sochii lafaa guddaa isaatu ture; magaalaan sunis kudhan keessaa tokko ni barbadaaʼe. Namoonni kumni torbas sochii lafaa sanaan dhuman; warri hafan immoo sodaatanii Allaah shamaayʼuniitiif ulfina kennan.

14 Wayyoon lammaffaan darbeera; kunoo, wayyoon sadaffaan dafee ni dhufa.

Malakata Torbaffaa

15 Malaʼikkaan torbaffaanis malakata isaa afuufe; sagaleen guddaan,

"Mootummaan addunyaa amma mootummaa Gooftaa keenyaatii fi

mootummaa Al-Masiihii taʼeera;

innis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼa"

jedhu shamaayʼun keessa ture. 16 Maanguddoonni digdamii afran fuula Allaaha dura teessoo isaanii irra tataaʼanii turan sunis adda isaaniitiin gombifamanii Allaahaf ni sagadan; 17 akkanas jedhan:

"Yaa Allaah Gooftaa Waan Hunda Dandeessu,

Kan jirtuu fi kan turte,

ati humna kee isa guddaa fudhattee

waan moʼuu jalqabdeef galata siif dhiʼeessina.

18 Saboonni ni aaran;

dheekkamsi kees dhufeera.

Yeroon warri duʼan itti murtii argatan gaʼeera;

yeroon ati itti nabiiʼiyyoota tajaajiltoota kee taʼaniif,

qulqulloota keetii fi warra maqaa kee sodaatan

xinnaafis taʼu guddaaf badhaasa kennitu gaʼeera;

yeroon ati itti warra lafa balleessan balleessitus gaʼeera."

19 Manni qulqullummaa Allaaha kan shamaayʼun keessaas ni baname; taabonni kakuu isaas mana qulqullummaa isaa keessatti mulʼate. Ergasiis ifa balaqqee, sagalee, bakakkaa, sochii lafaatii fi bokkaa cabbii guddaa isaatu ture.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-