Publicidade

Apocalipse 14

Hoolichaa fi Namoota 144,000

1 Anis nan ilaale; kunoo, Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabachaa ture; namoonni 144,000, kanneen maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffames isa wajjin turan. 2 Anis sagalee akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaa shamaayʼun irraa nan dhagaʼe. Sagaleen ani dhagaʼe sunis akka sagalee baganaa kan namoonni baganaa taphatan dhageessisanii ture. 3 Isaanis fuula teessichaa duratti, fuula uumamawwan lubbuu qabeeyyii afraniitii fi fuula maanguddootaa duratti faarfannaa haaraa tokko faarfatan. Faarfannaa sanas namoota 144,000 warra lafa irraa furaman sana malee namni tokko iyyuu barachuu hin dandeenye. 4 Isaan kunneen waan qulqullinaan of eegganiif warra dubartootaan of hin xureessinii dha. Isaanis iddoo Hoolichi dhaqu hundumatti isa duukaa buʼu. Sanyii namaa keessaas hangafa taʼanii Allaaha fi Hoolichaaf ni furaman. 5 Sobni tokko iyyuu afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan mudaa hin qaban.

Malaʼikkoota Sadan

6 Anis malaʼikkaa biraa kan warra lafa irra jiraatanitti jechuunis saba hundatti, gosa hundatti, afaanii fi sanyii hundatti lallabuuf jedhee injiila bara baraa qabatee shamaayʼun walakkaa barrisu tokko nan arge. 7 Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; "Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Allaah sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa shamaayʼunii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa."

8 Malaʼikkaan lammaffaanis itti aansee, " ‘Kufteerti! Baabilon guddittiin’ isheen akka sabni hundi daadhii wayinii dheekkamsa sagaagala ishee dhugu goote sun kufteerti" jedhe.

9 Malaʼikkaan Allaaha inni sadaffaanis isaanitti aansee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; "Namni kam iyyuu bineensichaa fi fakkii isaatiif yoo sagade, mallattoo isaas adda isaa irratti yookaan harka isaa irratti yoo fudhate, 10 innis akkasuma daadhii wayinii dheekkamsa Allaaha isa utuu homtuu itti hin makamin xoofoo aarii isaatti buufame irraa ni dhuga. Fuula malaʼikkoota qulqullootaatii fi fuula Hoolichaa durattis ibiddaa fi dinyiidhaan ni dhiphata. 11 Aarri dhiphina isaaniis bara baraa hamma bara baraatti ol baʼa. Warri bineensichaa fi fakkii isaatiif sagadan yookaan warri mallattoo maqaa isaa fudhatan hundi halkanii guyyaa boqonnaa hin qabaatan." 12 Kun obsa qulqulloota ajaja Allaaha eeganiitii fi Iisaaf amanamanii jiraatanii gaafata.

13 Anis sagalee, "Waan kana barreessi: Siʼachi warri utuu Gooftaadhaan jiranuu duʼan eebbifamoo dha" jedhu tokko shamaayʼun irraa nan dhagaʼe.

Hafuurri Qulqulluunis, "Eeyyee; hojiin isaaniis waan isaan duukaa buʼuuf isaan dadhabbii isaanii irraa ni boqotu" jedha.

Haamamuu Lafaatii fi Iddoon Cuunfaa Wayinii Dhidhiitamuu Isaa

14 Anis nan ilaale; kunoo, duumessa adii tokkotu ture; inni "ilma namaa fakkaatu" tokkos gonfoo warqee mataa isaatti kaaʼatee, haamtuu qaramaa harkatti qabatee duumessa irra taaʼee ture. 15 Malaʼikkaan Allaaha kan biraas mana qulqullummaatii baʼee sagalee guddaadhaan isa duumessa irra taaʼe sanaan, "Midhaan lafaa waan bilchaateef, yeroon haamaas waan gaʼeef haamtuu kee fudhadhuutii haami" jedhee iyye. 16 Kanaafis inni duumessa irra taaʼe sun haamtuu isaa lafatti dhaabe; laftis ni haamamte.

17 Malaʼikkaan Allaaha kan biraas mana qulqullummaa isa shamaayʼun keessaatii baʼe; innis akkasuma haamtuu qaramaa qaba ture. 18 Ammas malaʼikkaan Allaaha kan biraa inni ibidda irratti taayitaa qabu tokko iddoo aarsaa biraa dhufee, sagalee guddaadhaan malaʼikkaa haamtuu qaramaa qabu sanaan, "Hurbuun wayinii waan bilchaateef haamtuu kee qaramaa sana fudhadhuutii hurbuu wayinii lafaa walitti qabi" jedhe. 19 Malaʼikkaan sunis haamtuu isaa lafatti dhaabe; hurbuu wayinii lafaas walitti qabee gara iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa Allaaha isa guddaatti darbate. 20 Isaanis iddoo cuunfaa wayinii kan magaalaan ala jiru keessatti dhidhiitaman; iddoo cuunfaa sana keessaas dhiigni hamma luugama fardaatti ol kaʼee fageenya gara kiiloo meetira 300 lolaʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-