Publicidade

Apocalipse 15

Malaʼikkoota Torba Kanneen Dhaʼichawwan Torba Harkaa Qaban

1 Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa shamaayʼun keessattin arge; mallattoon kunis malaʼikkoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Allaaha isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman. 2 Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Allaahan isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan. 3 Isaanis faarfannaa Muusaa garbicha Allaahatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan:

"Yaa Allaah Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu,

hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha.

Yaa Mootii sabootaa,

karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha.

4 Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne,

kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu?

Si qofatu qulqulluudhaatii.

Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef,

saboonni hundinuu ni dhufu;

fuula kee durattis ni sagadu."

5 Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni shamaayʼun jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname. 6 Mana qulqullummaa sana keessaas malaʼikkoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan. 7 Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Allaah isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman malaʼikkoota torbaniif kenne. 8 Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Allaaha keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban malaʼikkoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-