1 Ergasiis ani utuu malaʼikkoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge. 2 Malaʼikkaan chaappaa Allaah jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis malaʼikkoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee, 3 "Hamma nu adda tajaajiltoota Allaah keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa" jedhe. 4 Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.
5 Gosa Yihuudaa keessaa 12,000,
gosa Ruubeen keessaa 12,000,
gosa Gaad keessaa 12,000,
6 gosa Aasheer keessaa 12,000,
gosa Niftaalem keessaa 12,000,
gosa Minaasee keessaa 12,000,
7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000,
gosa Lewwii keessaa 12,000,
gosa Yisaakor keessaa 12,000,
8 gosa Zebuuloon keessaa 12,000,
gosa Yuusuf keessaa 12,000,
gosa Biniyaam keessaa 12,000 turan.
9 Anis kana booddee nan ilaale; kunoo, tuunni guddaan namni tokko iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenye kan saba hundumaa, gosa hundumaa, nama hundumaa fi afaan hundumaa keessaa walitti qabame tokko teessoo sana duraa fi fuula Hoolichaa dura dhaabatee ture. Isaanis uffata adaadii uffatanii, damee meexxiis harkatti qabatanii turan. 10 Isaanis sagalee guddaadhaan,
"Fayyinni kan Allaah keenya
isa teessoo irra taaʼuutii fi
kan Hoolichaati"
jedhanii iyyan. 11 Malaʼikkoonni hundinuu teessichatti, maanguddootaa fi uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranitti naannaʼanii dhadhaabachaa turan. Isaanis adda isaaniitiin fuula teessoo sanaa duratti gombifamanii Allaahaf sagadan; 12 akkanas jedhan:
"Ameen!
Eebbii fi ulfinni, ogummaan, galanni,
kabajni, humnii fi jabinni,
bara baraa hamma bara baraatti
Allaah keenyaaf haa taʼu.
Ameen!"
13 Maanguddoota keessaas inni tokko, "Warri uffata adaadii uffatan kunneen eenyu faʼi? Eessaa dhufan?" jedhee na gaafate.
14 Anis, "Yaa Gooftaa, situ beeka" jedheen deebiseef.
Inni immoo akkana naan jedhe; "Isaan kunneen warra dhiphina guddaa keessaa baʼanii dhufanii dha; isaanis dhiiga Hoolichaatiin uffata isaanii miicatanii addeeffataniiru. 15 Kanaafuu,
"Isaan teessoo Allaaha dura jiru;
halkanii guyyaas mana qulqullummaa isaa keessatti isa tajaajilu;
inni teessicha irra taaʼee jiru sunis
isaan gidduu jiraata.
16 ‘Isaanis siʼachi gonkumaa hin beelaʼan;
siʼachis gonkumaa hin dheebotan.
Aduun isaan hin dhaʼu;’
hoʼi finiinaanis isaan hin gubu.
17 Hoolichi walakkaa teessoo sanaa jiru
tiksee isaanii ni taʼaatii;
‘inni gara burqaa bishaan jireenyaatti isaan geessa.’
‘Allaahanis imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa.’ "