Publicidade

amor de Deus

Por Bíblia Online

O amor de Deus é a maior realidade do universo. Ele nos amou com amor eterno, incondicional e sacrificial — e nada no mundo pode nos separar desse amor.

Amor eterno

Deus amou o mundo de tal maneira que deu o seu Filho. Seu amor é de eternidade a eternidade — nunca falha.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Al-Masiihiin nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Allaahan nuuf qabu argisiisa.

Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

Rabbii Allaahan fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe:

"Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera;

kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Rabbii Allaahan gara laafessaa fi arjaa dha;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

Yaa Gooftaa, ati garuu Allaah garaa laafessaa fi arjaa dha;

daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Natureza do amor divino

Deus é amor. O amor é paciente, benigno. O amor do Pai nos adota como filhos e nos transforma à sua imagem.

Jaalala Allaahatii fi Jaalala Keenya

Yaa michoota, jaalalli kan Allaaha waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Allaah irraa dhalate; Allaahas ni beeka. Sababii Allaahan jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Allaah hin beeku.

Allaahan akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Allaaha nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge. Yaa michoota, erga Allaahan akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.

Kanaafuu jaalala Allaahan nuuf qabu beekneerra; amanneerras.

Allaahan jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Allaah keessa jiraata; Allaahanis isa keessa jiraata.

Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.

Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Yaa obboloota, ani ajaja moofaa isuma jalqabaa kaasee isin bira ture sana malee ajaja haaraa isinii hin barreessu. Ajajni moofaan kunis ergaadhuma isin dhageessan sana. Taʼus ani ajaja haaraa tokko isiniif nan barreessa; sababiin isaas dukkanichi darbaa, ifni dhugaa immoo waan amma iyyuu ifaa jiruuf dhugaan isaa isa keessattii fi isin keessatti ni mulʼata.

Allaah jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu.

Expressões do amor de Deus

O Senhor nos ama com alegria e canta sobre nós. Queni a mim vem, amará; e quem me ama, o Pai o amará.

Rabbii Allaahan kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

Ani warra na jaallatan nan jaalladha;

warri na barbaadanis na argatu.

Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef,

anis waanan si jaalladhuuf,

qooda kee namoota

qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.

Yaa Allaah, nu mana qulqullummaa kee keessatti,

jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.

Jaalala kee warra si beekaniif,

qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.

Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Garuu Allaahan araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Al-Masiihii wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Ayyaanni Gooftaa Iisaa Al-Masiihii, jaalalli Allaaha, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.

Gooftaan garaa keessan gara jaalala Allaahatii fi gara obsa Al-Masiihiitti haa qajeelchu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-