Pular para o conteúdo
Publicidade

Aniversario de casamento

Por Bíblia Online

O aniversário de casamento celebra a fidelidade de Deus na jornada do casal. Cada ano juntos é testemunho da graça divina que sustenta o amor na vida a dois.

Guyyaan kun guyyaa Rabbii Allaah uumee dha;

kottaa ni ililchina; itti gammannas.

Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,

bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.

Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa,

ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.

Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.

Galata Galchuu

Ani yeroo hunda ayyaana Allaaha isa Al-Masiihi Iisaadhaan isinii kennameef waaʼee keessaniif Allaah nan galateeffadha.

Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha;

ati mudaa tokko illee hin qabdu.

Ani kan michuu koo ti;

hawwiin isaas anumaaf.

Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu;

lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu.

Namni tokko qabeenya mana isaa hunda

yoo jaalalaaf kenne

qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.

Michoota

Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

Galataa Fi Duʼaa

Ani yeroo isin yaadadhu hunda Allaah koo nan galateeffadha.

Seja o primeiro