Publicidade

Aprender

Por Bíblia Online

Aprender é vocação do discípulo. Jesus disse: aprendei de mim. A Bíblia convida a aprender com humildade, perseverança e disposição — sentados aos pés do Mestre.

Aprender de Jesus

Tomai sobre vós o meu jugo e aprendei de mim. O Espírito Santo nos ensinará todas as coisas e nos recordará tudo.

Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha."

Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."

Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.

Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.

Garuu dibanni isin isa irraa argattan sun waan isin keessa jiraatuuf namni tokko iyyuu isin barsiisuu hin barbaachisu; dibanni isaa sun garuu waan waaʼee hundumaa isin barsiisuuf, dibanni sun waan dhugaa malee soba hin taʼiniif akkuma inni isin barsiise sanatti isumaan jiraadhaa.

Ensino e sabedoria

O temor do Senhor é o princípio do saber. A disciplina do Senhor forma o caráter e abre caminhos de entendimento.

Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

Yaa ilma ko, adabbii Rabbii Allaah hin tuffatin;

dheekkamsa isaas hin jibbin.

Rabbii Allaahan akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti

warra jaallatu ni adabaatii.

Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha;

daandii qajeelaa irras sin buusa.

Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;

kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.

Akka Rabbii Allaahan kee akkuma abbaan ilma isaa adabatu akka si adabu beeki.

Comunidade de aprendizado

Ensinem e aconselhem-se mutuamente. A igreja é escola de Cristo — onde todos ensinam e todos aprendem juntos.

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa.

Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.

Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti, mana namaattis utuu gargar hin kutin akka Iisaan Al-Masiihii taʼe barsiisaa, lallabaas turan.

Utuu waan faayidaa isinii qabu tokko illee lallabuu irraa of hin qusatin akka ani mana tokkoo gara mana kaanii deemee ifatti baasee isin barsiise isinuu beektu.

Isin waan narraa barattan yookaan narraa argattan yookaan narraa dhageessan yookaan narratti argitan hunda isinis akkasuma godhaa. Allaahan nagaa isin wajjin ni taʼa.

Injiilaaf Jecha Waan Gaarii Hojjechuu

Ati garuu waan barsiisa dhugaa wajjin deemu barsiisi.

Ouvir e praticar

Ensina-me a fazer a tua vontade. Guia-me pela tua verdade. O verdadeiro aprendiz pratica o que ouviu do Mestre.

Ati sababii Allaah koo taateef,

akka ani fedhii kee guutu na barsiisi;

hafuurri kee gaariin sun

karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.

Rabbii Allaah, karaa kee na argisiisi;

daandii kees na barsiisi;

ati Allaah Fayyisaa koo waan taateef,

dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;

anis guyyaa guutuu sin eeggadha.

Rabbii Allaahan gaarii dha; tolaadhas;

kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.

Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;

karaa isaas isaan barsiisa.

Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;

ani ija koo jaalalaatiin sin ilaalaa; sin gorsa.

Halkan lubbuun koo si yaaddi;

ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada.

Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti,

uummanni addunyaa qajeelummaa barata.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-