1 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan, "Amma waan ani Faraʼoon irratti hojjedhu ati ni argita: Sababii irree koo jabaa sanaatiif mootichi gad isaan dhiisa; sababii irree koo jabaa sanaatiifis mootichi biyya isaa keessaa isaan ariʼa" jedhe.
2 Allaahan ammas Muusaadhaan akkana jedhe; "Ani Rabbii Allaah. 3 Ani akka Allaah Waan Hunda Dandaʼuuttan Ibraahimitti, Yisihaaqittii fi Yaaʼikuubitti mulʼadhe; garuu maqaa koo Rabbii Allaah isaanitti of hin beeksifne. 4 Akkasumas ani biyya Kanaʼaan lafa isaan akka alagaatti keessa jiraattan sana isaanii kennuuf jedhee isaan wajjin kakuu galeera. 5 Kana irrattis, ani aaduu saba Israaʼel kanneen warra Gibxiin garboomfaman sanaa dhagaʼee kakuu koo yaadadheera.
6 "Kanaafuu saba Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Ani Rabbii Allaah; waanjoo warra Gibxi jalaa isin nan baasa; ani garbummaa isaanii jalaa isin nan baasa; irree diriiraa fi murtii jabaadhaanis isin nan fura. 7 Ani akka saba ofii kootti isin fudhadha; Allaah keessan nan taʼa. Yeroo sana isin akka ani Rabbii Allaah keessan kan waanjoo warra Gibxi jalaa isin baase taʼe ni beektu. 8 Ani biyya isan Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif kennuuf harka koo ol qabadhee kakadhe sanatti isin nan galcha. Dhaala godhees isiniif kenna. Ani Rabbii Allaah.’ "
9 Muusaanis waan kana saba Israaʼelitti hime; isaan garuu waan abdii kutatanii fi garbummaa hamaa keessa turaniif isa hin dhageenye.
10 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 11 "Dhaqiitii akka inni biyya isaa keessaa Israaʼeloota gad lakkisuuf Faraʼoon mooticha Gibxitti himi."
12 Muusaan garuu Rabbii Allaahan, "Kunoo Israaʼeloonni na hin dhageenye; yoos Faraʼoon akkamitti na dhagaʼa ree? Afaan koo qajeelchee hin dubbatatuutii" jedhe.
13 Rabbii Allaahan garuu waaʼee Israaʼelootaatii fi waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi Muusaa fi Haaruunitti dubbatee akka isaan saba Israaʼel Gibxii baasan isaan ajaje.
14 Hangafoonni balbalawwan isaanii kanneenii dha:
Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa:
Henook, Faluus, Hezroonii fi Karmii.
Warri kunneen gosoota Ruubeen.
15 Ilmaan Simiʼoon:
Yemuuʼeel, Yaamiin, Oohad, Yaakiin, Zoohar, Shaawul ilma dubartittii Kanaʼaan.
Isaan kunneen maatiiwwan Simiʼoon.
16 Maqaan ilmaan Lewwiis akkuma dhaloota isaaniitti kanaa dha:
Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
Lewwiin waggaa 137 jiraate.
17 Ilmaan Geershoon akkuma maatii isaaniitti:
Loobeenii fi Shimeʼii.
18 Ilmaan Qohaati:
Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
Qohaati waggaa 133 jiraate.
19 Ilmaan Meraarii:
Mahilii fi Muusii.
Isaan kunneenis akkuma dhaloota isaaniitti maatiiwwan Lewwii ti.
20 Amraam obboleettii abbaa isaa Yookebeedin fuudhe; isheenis Haaruunii fi Muusaa deesseef.
(Amraam waggaa 137 jiraate.)
21 Ilmaan Yizihaar:
Qooraahi, Naafegii fi Zikrii.
22 Ilmaan Uziiʼeel:
Miishaaʼeel, Elzaafaanii fi Sitrii.
23 Haaruun intala Amiinaadaab obboleettii Nahishoon Eliishebaa fuudhe; isheenis Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaarin deesseef.
24 Ilmaan Qooraahi:
Asiir, Elqaanaa fi Abiiʼaasaaf.
Isaan kunneenis maatiiwwan Qooraahii ti.
25 Eleʼaazaar ilmi Haaruun intallan Fuutiʼeel keessaa tokko fuudhe; isheenis Fiinehaasin deesseef.
Isaan kunneenis akkuma maatiiwwan isaaniitti hangafoota balbala Lewwii ti.
26 Haaruunii fi Muusaan warri Rabbii Allaahan, "Isin akkuma kutaa kutaa isaaniitti Gibxi keessaa Israaʼeloota baasaa" jedheen sun isaanuma kana. 27 Isaanis warra waaʼee Gibxi keessaa Israaʼeloota baasuu Faraʼoon mooticha Gibxitti dubbatan sanaa dha. Muusaa fi Haaruun isaanuma kana.
28 Rabbii Allaahan yeroo Gibxi keessatti Muusaatti dubbate sana 29 akkana jedheen; "Ani Rabbii Allaah dha. Waan ani sitti himu hunda Faraʼoon mooticha Gibxitti himi."
30 Muusaan garuu Rabbii Allaahan, "Kunoo, ani waan afaan koo qajeelchee dubbachuu hin dandeenyeef Faraʼoon akkamiin na dhagaʼa?" jedhe.