1 Muusaan bushaayee abbaa niitii isaa Yetroo lubicha Midiyaan sanaa tiksaa ture; innis gaaf tokko hamma dhiʼa lafa gammoojjiitti bushaayee sana oofee gara tulluu Allaaha gara Kooreeb dhufe. 2 Achittis Malaʼikkaan Rabbii Allaah daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan isatti mulʼate. Muusaanis daggalli sun bobaʼu illee akka hin gubatin arge. 3 Muusaanis, "Daggalli kun maaliif hin gubatu laata? Ani itti goree waan dinqisiisaa kana ilaaluu qaba" jedhe.
4 Rabbii Allaahanis yommuu akka Muusaan ilaaluuf achi gore argetti, Allaahan daggala sana keessaa, "Muusaa! Muusaa!" jedhee isa waame.
Muusaanis, "Kunoo ani asan jira" jedhee deebise.
5 Allaahan immoo, "As hin dhiʼaatin; Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu" jedheen. 6 Itti fufees, "Ani Allaah abbaa keetii, Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaqii fi Allaah Yaaʼikuub" jedhe. Kana irratti Muusaan Allaah ilaaluu waan sodaateef fuula isaa dhokfate.
7 Rabbii Allaahan akkana jedhe; "Ani dhugumaan dhiphina saba koo warra Gibxi keessa jiraatan irra gaʼu argeera. Iyya isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuuf iyyanis dhagaʼeera; ani rakkina isaaniis nan beeka. 8 Kanaafuu ani harka warra Gibxiitii isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaatti, biyya aannanii fi dammi keessaa burquutti jechuunis gara biyya Kanaʼaanotaatti, Heetotaatti, Amoorotaatti, Feerzotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti ol isaan baasuuf jedhee gad buʼeera. 9 Amma kunoo iyyi Israaʼelootaa na bira gaʼeera. Ani haala itti warri Gibxi isaan cunqursanis argeera. 10 Kanaafuu ati amma dhaqi. Ani akka ati saba koo Israaʼeloota Gibxi keessaa baaftuuf Faraʼoonitti sin erga."
11 Muusaan garuu Allaahan, "Faraʼoon bira dhaqee Gibxii Israaʼeloota baasuuf ani eenyu?" jedhe.
12 Allaahanis akkana jedhe; "Ani si wajjin nan taʼa. Ati saba sana Gibxii yommuu baaftutti isin tulluu kana irratti Allaah waaqeffattu. Si erguu kootiifis kun mallattoo siif taʼa."
13 Muusaan immoo Allaahan, "Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, ‘Allaahan abbaa keessanii na ergeera’ yommun jedhutti yoo isaan, ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?" jedhe.
14 Allaahanis Muusaadhaan, "ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi" jedheen.
15 Allaahan ammas Muusaadhaan akkana jedhe; "Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Rabbii Allaahan abbootii keessanii, Allaahan Ibraahim, Allaahan Yisihaaq, Allaahan Yaaʼikuub isinitti na ergeera.’
"Maqaan kun bara baraan maqaa koo ti;
maqaa ani dhalootaa hamma dhalootaatti
ittiin yaadatamuu dha.
16 "Dhaqii maanguddoota Israaʼel walitti qabiitii akkana jedhiin; ‘Rabbii Allaahan abbootii keessanii, Allaahan Ibraahim, kan Yisihaaqii fi kan Yaaʼikuub natti mulʼatee akkana jedhe: "Ani isin ilaaleera; waan Gibxitti isin irra gaʼes argeera. 17 Kanaafuu ani rakkina Gibxi keessaa isin baasee biyya aannanii fi dammi keessaa burqu jechuunis biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi biyya Yebuusotaatti isin geessuuf murteesseera." ’
18 "Maanguddoonni Israaʼel si dhagaʼu. Atii fi maanguddoonni Israaʼel mootii Gibxi bira dhaqxanii, ‘Rabbii Allaahan Ibrootaa nutti mulʼateera; egaa amma akka nu Rabbii Allaah keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami’ jettuun. 19 Garuu akka mootiin Gibxi yoo irreen jabaan isa dirqisiise malee deemuuf isinii hin eeyyamne anuu beeka. 20 Ani dinqii isaan gidduutti hojjedhu hundaan irree koo hiixadhee namoota Gibxi nan dhaʼa. Ergasii inni akka deemtan isiniif eeyyama.
21 "Anis akka sabni kun fuula warra Gibxi duratti surraa argatu nan godha; isinis yommuu Gibxii baatanitti harka duwwaa hin baatan. 22 Tokkoon tokkoon dubartii miʼa meetii, miʼa warqeetii fi uffata gaafattee ollaa isheettii fi dubartii mana ishee jiraattu irraa haa fudhattu; kanaanis ilmaanii fi intallan keessanitti uffiftu. Akkasiinis qabeenya warra Gibxi boojitanii baatu."