1 Waldaan Israaʼel hundi biyya Gibxiitii baʼanii jiʼa lammafaatti, jiʼa sana keessaas guyyaa kudha shanaffaatti Eeliimii kaʼanii gara gammoojjii Siin isa Eelimii fi Siinaa gidduu jiru sanaa dhaqan. 2 Gammoojjii keessattis hawaasni sun guutuun Muusaa fi Haaruunitti guunguman. 3 Israaʼeloonnis akkana isaaniin jedhan; "Nu biyya Gibxitti yeroo okkotee foonii bira teenyee hamma quufnutti buddeena nyaachaa turre sana harka Rabbii Allaahatti utuu duuneerra taʼee! Isin garuu akka waldaan kun guutuun beelaʼee dhumu gochuuf achii nu baaftanii gammoojjii kanatti nu fiddaniirtu."
4 Rabbii Allaahan immoo Muusaadhaan akkana jedhe; "Kunoo, ani shamaayʼun irraa buddeena gad isinii nan roobsa. Sabni sunis guyyuma guyyaan gad baʼee waan guyyaa tokkoof isa gaʼu walitti haa qabatu. Anis karaa kanaan isaan qoree seera koo eeguu fi eeguu baachuu isaanii nan ilaala. 5 Isaanis guyyaa jaʼaffaatti waan walitti qabatan sana haa qopheeffatan; wanni kunis waan isaan guyyaa biraa walitti qabatanitti harka lama haa taʼu."
6 Muusaa fi Haaruun Israaʼeloota hundaan akkana jedhan; "Kan biyya Gibxiitii isin baase Rabbii Allaah akka taʼe galgala kana ni beektu. 7 Ganama immoo ulfina Rabbii Allaah argitu; inni akka isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyu taanaan isin nutti guungumtu?" 8 Muusaanis akkana jedhe; "Yeroo inni akka isin nyaattaniif galgala foon, ganama immoo buddeena isin barbaaddan hunda isinii kennutti isin akka inni Rabbii Allaah taʼe ni beektu; inni guungummii isin isatti guungumtan dhagaʼeeraatii. Nu eenyuu dha? Isin Rabbii Allaahatti guungumaa jirtu malee nutti hin guungumne."
9 Yommus Muusaan, "Waldaa Israaʼel hundaan, ‘Sababii inni akka isin guungumtan dhagaʼeef isin fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼaadhaa’ jedhi" jedhee Haaruunitti hime.
10 Yeroo Haaruun guutummaa waldaa saba Israaʼelitti dubbachaa turetti isaan gara gammoojjii ilaalaa turan; kunoo, ulfinni Rabbii Allaah duumessa keessaan mulʼate.
11 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; 12 "Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, ‘Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani Rabbii Allaah keessan taʼe ni beektu’ jedhii isaanitti himi."
13 Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture. 14 Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan. 15 Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, "Wanni kun maali?" waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii.
Muusaanis akkana isaaniin jedhe; "Wanni kun buddeena akka isin nyaattaniif Rabbii Allaahan isiniif kennee dha. 16 Rabbii Allaahan akkana jedhee ajajeera: ‘Tokkoon tokkoon namaa hamma barbaadu walitti haa qabatu. Akkuma baayʼina nama dunkaana keessan keessaatti tokkoo tokkoo namaatiif gomoorii tokko fudhadhaa.’ "
17 Israaʼeloonni akkuma isaanitti himame godhan; garri tokko baayʼee, warri kaan immoo xinnoo walitti qabatan. 18 Yommuu isaan gomooriidhaan safaranitti isa baayʼee walitti qabate irraa hin hafne; isa xinnoo walitti qabatettis hin hirʼanne. Tokkoon tokkoon namaa hammuma barbaadu walitti qabate.
19 Muusaanis, "Namni tokko iyyuu waan walitti qabate keessaa tokko illee ganamaaf hin bulfatin" jedheen.
20 Taʼus isaan keessaa namoonni tokko tokko Muusaa hin dhageenye; waan walitti qabatan keessaas gartokko ganamaaf bulfatan; innis raammaʼee ajaaʼe. Kanaafuu Muusaan isaanitti aare.
21 Tokkoon tokkoon namaa ganama ganama hammuma barbaadu walitti qabate; innis yommuu aduun hoʼitetti baqee bade. 22 Guyyaa jaʼaffaatti jarri harka lama jechuunis mata mataatti gomoorii lama walitti qabatan; hooggantoonni waldichaa hundis dhaqanii Muusaatti himan. 23 Innis akkana jedheen; "Rabbii Allaahan akkana jedhee ajaje: ‘Bor guyyaa sanbata boqonnaa taʼa; innis sanbata Rabbii Allaahaf qulqullaaʼee dha. Waan tolfachuu barbaaddan tolfadhaa; waan affeelachuu barbaaddanis affeeladhaa. Waan irraa hafu hunda immoo hamma ganamaatti turfadhaa.’ "
24 Jarris akkuma Muusaan isaan ajajetti hamma ganamaatti turfatan; nyaanni sunis hin ajoofne yookaan hin raammofne. 25 Muusaanis akkana jedhe; "Waan guyyaan harʼaa sanbata Rabbii Allaah taʼeef nyaata kana harʼa nyaadhaa; isin harʼa dirree irratti isa hin argattan. 26 Isinis nyaata sana guyyaa jaʼa walitti qabadhaa; guyyaa torbaffaatti jechuunis guyyaa Sanbataatiin garuu tokko iyyuu hin argamu."
27 Jara sana keessaa namoonni tokko tokko immoo guyyaa torbaffaatti walitti qabachuuf gad baʼan; garuu homaa hin arganne. 28 Kana irratti Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Isin hamma yoomiitti ajaja koo fi qajeelfama koo eeguu diddu? 29 Rabbii Allaahan Sanbata akka isinii kenne hubadhaa. Sababiin inni guyyaa jaʼaffaatti buddeena guyyaa lamaaf taʼu isinii kennuufis kanuma. Namni hundinuu guyyaa torbaffaatti idduma jiru haa turu. Namni tokko iyyuu gad hin baʼin." 30 Sabni sunis guyyaa torbaffaatti ni boqote.
31 Sabni Israaʼel buddeena sana "mannaa" jedhee moggaase. Mannaan kunis sanyii dinbilaalaa fakkaata; adiidhas; miʼaan isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ti. 32 Muusaan akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akkana jedhee ajaje: ‘Akka inni dhaloota dhufuuf turfamuuf Mannaa gomoorii tokko fuudhaa; kunis akka isaan buddeena ani yeroo biyya Gibxi keessaa isin baasetti akka isin gammoojjii keessatti nyaattaniif isinii kenne sana arganiif.’ "
33 Muusaan Haaruuniin, "Okkotee tokko fuudhiitii mannaa gomoorii tokko itti naqi; akka mannaan kun dhaloota dhufuuf turfamuuf fuula Rabbii Allaah dura kaaʼi" jedhe.
34 Haaruunis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje sanatti akka mannaan sun turfamuuf fuula Dhugaa Baʼuu dura kaaʼe. 35 Sabni Israaʼel hamma biyya keessa qubatamu sana gaʼanitti waggaa afurtama mannaa nyaatan; isaanis hamma daarii biyya Kanaʼaan gaʼanitti mannaa nyaatan.
36 Gomooriin tokko harka kurnaffaa iifii tokkoo ti.