Publicidade

Êxodo 19

Gaara Siinaa Biratti

1 Israaʼeloonni erga Gibxii baʼanii as jiʼa sadaffaa keessa guyyuma itti Gibxii baʼan sana Gammoojjii Siinaa gaʼan. 2 Isaanis erga Refiidiimii kaʼanii booddee Gammoojjii Siinaa seenan; sabni Israaʼelis Gammoojjii sana keessa fuullee tulluu sanaa qubatan.

3 Muusaanis gara Allaahatti ol baʼe; Rabbii Allaahanis tulluu irraa isa waamee akkana jedheen; "Ati mana Yaaʼikuubiin akkana jetta; saba Israaʼelittis waan kana himi: 4 ‘Waan ani warra Gibxi godhee fi akka ani itti qoochoo risaa irratti isin baadhee gara kootti isin fide isin mataan keessan iyyuu argitaniirtu. 5 Ammas isin yoo naaf ajajamtan, yoo kakuu koo eegdan isin saboota hunda keessaa qabeenya addaa naaf taatu. Yoo lafti hundinuu kan koo taʼe illee, 6 isin mootummaa lubootaatii fi saba qulqulluu naaf taatu.’ Dubbiin ati saba Israaʼelitti himuu qabdus kanuma."

7 Muusaan deebiʼee maanguddoota sabaa walitti waamee, dubbii akka inni dubbatuuf Rabbii Allaahan isa ajaje sana hunda fuula isaanii duratti dhiʼeesse. 8 Jarri hundinuus afaan tokkoon, "Nu waan Rabbii Allaahan jedhe hundumaa ni goona" jedhanii deebisan; Muusaan immoo waan jarri jedhan deebisee Rabbii Allaahatti fide.

9 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Akka sabni kun anaa si wajjin dubbatu dhagaʼee yeroo hunda si amanatuuf kunoo ani duumessa yabbuu keessaan gara kee nan dhufa." Ergasiis Muusaan waan sabni sun jedhe Rabbii Allaahatti hime.

10 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe; "Gara sabaa dhaqiitii harʼaa fi bori isaan qulqulleessi. Akka isaan wayyaa isaanii miiccatanii 11 guyyaa sadaffaaf qophaaʼan godhi; gaafa sana utuma sabni hundi ilaaluu Rabbii Allaahan Tulluu Siinaa irratti gad ni buʼaatii. 12 Naannoo tullichaatti saba sanaaf daangaa tolchiitii akkana jedhiin; ‘Isin akka tulluu sanatti ol hin baane yookaan akka qarqara isaa illee hin tuqne of eeggadhaa. Namni tulluu sana tuqu kam iyyuu haa ajjeefamu. 13 Inni dhagaadhaan haa tumamu yookaan xiyyaan haa waraanamu; harki tokko iyyuu isa hin tuqin; horiis taʼu namni akka jiraatu hin eeyyamamuuf.’ Isaan yeroo malakanni utuu gargar hin citin afuufamu qofa tulluutti ol baʼuu dandaʼu."

14 Muusaan tulluu irraa gara sabaatti gad buʼee saba sana qulqulleesse; isaanis uffata isaanii miiccatan. 15 Innis saba sanaan, "Guyyaa sadaffaaf of qopheessaa; dubartii biras hin gaʼinaa" jedhe.

16 Ganama guyyaa sadaffaa sana tulluu sana irra bakakkaa, balaqqeessaa fi duumessa yabbuu, akkasumas sagalee malakataa guddaatu dhagaʼame. Warri iddoo qubataa sana keessa jiraatan hundis ni hollatan. 17 Muusaanis saba sana iddoo qubannaatii baasee gara Allaahatti fide; jarris miilla tulluu sanaa jala dhadhaabatan. 18 Tulluun Siinaa hundis sababii Rabbii Allaahan ibiddaan irratti gad buʼeef aaraan haguugame. Aarri sunis akkuma aara boolla ibiddaatii baʼuutti ol baʼe; tulluun sunis guutumaan guutuutti akka malee raafame; 19 sagaleen malakataa ittuma guddachaa deeme. Muusaanis ni dubbate; sagaleen Allaahas deebii kenneef.

20 Rabbii Allaahan fiixee Tulluu Siinaa irratti gad buʼee Muusaa gara fiixee tulluu sanaatti ol waame. Muusaanis ol baʼe; 21 Rabbii Allaahan immoo akkana isaan jedhe; "Akka isaan Rabbii Allaah ilaaluuf jedhanii daarii hin dabarree fi akka isaan keessaas namni baayʼeen hin duuneef gad buʼiitii isaan akeekkachiisi. 22 Akka Rabbii Allaahan isaan hin balleessineef luboonni Rabbii Allaahatti dhiʼaatan iyyuu of haa qulqulleessan."

23 Muusaan immoo Rabbii Allaahan, "Sababii ati mataan kee, ‘Naannoo Tullichaatti daangaa dhaabiitii isa qulqulleessiitii addaan baasi’ jettee akeekkachiisa nuu kenniteef sabni kun Tulluu Siinaatti ol baʼuu hin dandaʼu" jedhe.

24 Rabbii Allaahanis, "Gadi buʼiitii Haaruunin fidii kottu. Garuu luboonnii fi uummanni gara Rabbii Allaahatti ol dhufuuf jedhanii daangaa hin darbin; yoo kanaa achii inni isaan balleessa" jedhee deebise.

25 Muusaanis gad buʼee waan kana uummatatti hime.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-