Publicidade

Êxodo 15

Zabuurii Muusaatii fi Miiriyaam

1 Yommus Muusaa fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Rabbii Allaahaf faarfatan:

"Ani Rabbii Allaahaf nan faarfadha;

inni ol ol jedheeraatii.

Inni fardaa fi namicha farda yaabbate

galaanatti gad darbateera.

2 "Rabbii Allaahan jabina kootii fi faarfannaa koo ti;

inni fayyina koo taʼeera.

Inni Allaah koo ti; anis isa nan jajadha;

inni Allaah abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.

3 Rabbii Allaahan goota waraanaa ti;

maqaan isaa Rabbii Allaah.

4 Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaa

galaanatti gad darbateera.

Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni,

Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru.

5 Tuujubni isaan irra gara gale;

isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman.

6 Rabbii Allaah,

harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa.

Rabbii Allaah,

harki kee mirgaa diina ni hurreessa.

7 "Ati guddina ulfina keetiitiin

warra siin morman gad darbatte.

Aarii kee bobaʼaa ni ergite;

innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe.

8 Hafuura funyaan keetiitiin

bishaanonni tuulaman.

Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate;

tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan.

9 Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba.

Boojuu nan qoodadha;

ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha.

Goraadee koo nan luqqifadha;

harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate.

10 Ati garuu bubbee kee itti bubbifte;

galaanni immoo isaan irra gara gale.

Isaanis akkuma sibiilaa

bishaanota jajjaboodhaan liqimfaman.

11 Rabbii Allaah,

waaqeffatamtoota keessaa eenyutu si fakkaata?

Qulqullinaan simboo qabeessi,

ulfinaan sodaachisaan,

hojii dinqii hojjechuuttis

kan akka keetii eenyu?

12 "Ati harka kee mirgaa diriirfannaan,

lafti isaan liqimsite.

13 Ati saba furte sana,

jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita.

Jabina keetiinis

gara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.

14 Saboonni dhagaʼanii hollatu;

muddamsuunis saba Filisxeem qabate.

15 Hangafoonni Edoom ni rifatu;

bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata;

warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu;

16 sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa.

Rabbii Allaah, hamma sabni kee darbutti,

hamma sabni ati bitatte sun darbutti

jabina harka keetiitiin

isaan akkuma dhagaa calʼisu.

17 Rabbii Allaah, ati gara tulluu dhaala keetiitti,

gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti,

yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseetti

ol galchitee isaan dhaabda.

18 "Rabbii Allaahan,

bara baraa hamma bara baraatti moʼa."

19 Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Rabbii Allaahan bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban. 20 Miiriyaam obboleettiin Haaruun nabiiʼiyyittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan. 21 Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte:

"Rabbii Allaahan faarfadhaa;

inni ulfinaan moʼateeraatii.

Inni fardaa fi namicha farda yaabbate

galaanatti gad darbateera."

Bishaan Maaraatii fi Bishaan Eelim

22 Muusaanis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman. 23 Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma. 24 Jarri sunis, "Nu maal haa dhugnuu?" jedhanii Muusaatti guunguman.

25 Yommus Muusaan Rabbii Allaahatti iyyinaan, Rabbii Allaahan muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe.

Rabbii Allaahanis iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore. 26 Innis akkana jedhe; "Ati yoo sagalee Rabbii Allaah keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Rabbii Allaah si fayyisuudhaatii."

27 Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-