Publicidade

Êxodo 7

1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ilaa, ani Faraʼooniif waaqeffatamaa tolfamaa si godheera; obboleessi kee Haaruun immoo nabiiʼiyyii siif taʼa. 2 Ati waan ani si ajaju hunda ni dubbata; obboleessi kee Haaruun immoo akka inni Israaʼeloota biyya isaa keessaa gad dhiisu Faraʼoonitti ni hima. 3 Ani garuu Faraʼoonin mata jabeessa nan godha; yoo ani biyya Gibxi keessatti mallattoowwanii fi dinqiiwwan koo baayʼise iyyuu, 4 inni isin hin dhaggeeffatu. Ani harka koo Gibxi irratti ol nan kaasa; murtii jabaadhaanis raayyaa koo, saba Israaʼel biyya Gibxi keessaa nan baasa. 5 Warri Gibxi yommuu ani harka koo Gibxi irratti ol kaafadhee saba Israaʼel achi keessaa baasutti akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku."

6 Muusaa fi Haaruunis akkuma Rabbii Allaahan isaan ajaje godhan. 7 Yeroo Faraʼoonitti dubbatanitti Muusaan nama waggaa saddeettama ture; Haaruun immoo nama waggaa saddeettamii sadii ture.

Uleen Haaruun bofa taʼe

8 Rabbii Allaahanis Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe; 9 "Yommuu Faraʼoon, ‘Dinqii hojjedhaa’ isiniin jedhutti, ati immoo Haaruuniin, ‘Ulee kee fuudhiitii fuula Faraʼoon duratti lafa buusi’ jetta; uleen sunis bofa taʼa."

10 Muusaa fi Haaruun Faraʼoon bira dhaqanii akkuma Rabbii Allaahan isaan ajaje sana godhan. Haaruun fuula Faraʼoonii fi qondaaltota isaa duratti ulee isaa lafa buuse; uleen sunis bofa taate. 11 Faraʼoonis beektotaa fi falfaltoota ofitti waame; tolfattoonni Gibxi ogummaa isaanii dhokataa sanaan akkasuma godhan. 12 Tokkoon tokkoon isaanii ulee isaanii lafa buusan; uleen isaaniis bofa taʼe. Uleen Haaruun garuu ulee isaanii liqimsite. 13 Taʼus Faraʼoon akkuma Rabbii Allaahan dubbate sana mata jabeessa taʼee isaan dhaggeeffachuu dide.

Dhaʼicha Dhiigaa

14 Kana irratti Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Faraʼoon mata jabeessa taʼeera; saba sanas gad dhiisuu dide. 15 Ganamaan gara Faraʼoon dhaqi; kunoo inni bishaanitti gad baʼa. Ulee bofatti geeddaramte sana harkatti qabadhuutii qarqara laga Abbayyaatti isa eegi. 16 Akkanas jedhiin; ‘Rabbii Allaahan Ibrootaa akkana jedhee sitti na ergeera: Akka sabni koo dhaqee gammoojjii keessatti naaf sagaduuf gad lakkisi. Ati garuu hamma ammaatti ajajamuu diddeerta. 17 Rabbii Allaahan akkana jedha: Akka ani Rabbii Allaah taʼe ati kanaan beekta: Kunoo ani ulee harka koo keessa jiru kanaan bishaan Abbayyaa nan dhaʼa; bishaan sunis dhiigatti geeddarama. 18 Qurxummiiwwan laga Abbayyaa keessaa ni duʼu; lagni sunis ni ajaaʼa; warri Gibxis bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼan.’ "

19 Rabbii Allaahan immoo Muusaadhaan akkana jedhe; "Haaruuniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii bishaanota Gibxi irratti, lageen isaanii irratti, doloolloo isaanii irratti, haroo isaaniitii fi kuusaa bishaanii hunda irratti harka kee diriirsi.’ Isaanis dhiigatti geeddaramu. Gibxi guutuun dhiigaan guutama; qodaan mukaatii fi okkoteen dhagaa dhiigaan guutaman."

20 Muusaa fi Haaruun akkuma Rabbii Allaahan isaan ajaje sana godhan. Haaruun ulee isaa ol fuudhee fuula Faraʼooniitii fi qondaaltota isaa duratti bishaan Abbayyaa dhaʼe; bishaan sun hundis dhiigatti geeddarame. 21 Qurxummiiwwan Abbayyaa duunaan lagichi ajaaʼe; warri Gibxis bishaan isaa dhuguu hin dandeenye. Gibxi guutuunis dhiigaan guutame.

22 Garuu tolfattoonni Gibxi tolcha isaaniitiin akkasuma hojjetan; Faraʼoonis mata jabeessa taʼe. Innis akkuma Rabbii Allaahan jedhe sana Muusaa fi Haaruun dhagaʼuu dide. 23 Faraʼoonis deebiʼee masaraa isaa seene; innis waan kana yaadatti illee hin qabanne. 24 Warri Gibxi hundi waan bishaan laga sanaa dhuguu hin dandaʼiniif bishaan dhugaatii baafachuuf jedhanii qarqara Abbayyaa qotatan.

Dhaʼicha Fattee

25 Erga Rabbii Allaahan Abbayyaan dhaʼee guyyaan torba darbe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-