Publicidade

Êxodo 9

Dhaʼicha Horiitti Dhufe

1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Faraʼoon bira dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Rabbii Allaahan Ibrootaa akkana jedha; "Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi." 2 Yoo ati gad dhiisuu diddee isaan danqite, 3 kunoo harki Rabbii Allaah horii kee kanneen dirree irra oolan fardeen, harrootaa fi gaalawwan keetti, loon, hoolotaa fi reʼoota keetti dhaʼicha hamaa ni fida. 4 Rabbii Allaahan garuu akka horiin saba Israaʼel tokko iyyuu hin duuneef horii Israaʼelii fi horii warra Gibxi gidduutti garaa garummaa ni uuma.’ "

5 Rabbii Allaahan yeroo murteessee, "Rabbii Allaahan bor waan kana biyyattii keessatti ni hojjeta" jedhe. 6 Rabbii Allaahanis guyyaa itti aanutti waan kana hojjete: Horiin warra Gibxi hundi ni dhume; horii warra Israaʼel keessaa garuu tokko iyyuu hin duune. 7 Faraʼoonis namoota qoratan ergee, kunoo akka horii saba Israaʼel keessaa tokko illee hin duʼin beeke. Taʼus Faraʼoon mata jabeessa taʼee saba sana gad dhiisuu dide.

Dhaʼicha Dhullaa

8 Rabbii Allaahan immoo Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe; "Daaraa harka guutuu iddoo ibiddaatii hammaaraa; Muusaanis daaraa sana fuula Faraʼoon duratti shamaayʼuniitti ol haa facaasu. 9 Innis biyya Gibxi guutuu keessatti awwaara taʼa; dhullaan malaa yaasu namaa fi horii guutuu biyyattii keessa jiranitti yaaʼa."

10 Isaan boolla ibiddaa irraa daaraa hammaarratanii fuula Faraʼoon dura dhaabatan. Muusaanis daaraa sana shamaayʼuniitti ol facaase; dhullaan malaa yaasus namaa fi horiitti yaaʼe. 11 Tolfattoonnis sababii dhullaatiif Muusaa dura dhaabachuu hin dandeenye; dhullaan tolfattootaa fi warra Gibxi hundatti yaaʼee tureetii. 12 Garuu Rabbii Allaahan akkuma Muusaatti hime sana Rabbii Allaahan Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis Muusaa fi Haaruunin dhagaʼuu dide.

Dhaʼicha Cabbii

13 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon dura dhaabadhu; akkanas jedhiin; ‘Rabbii Allaahan Ibrootaa akkana jedha; akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi; 14 yoo kanaa achii ani amma dhaʼicha koo hunda sitti, qondaaltota keetii fi saba keetti nan erga; kunis akka ati akka Allaahan akka koo lafa hunda irra hin jirre beektuuf. 15 Silaa amma ani harka koo ol fudhadhee siʼii fi saba kee dhukkuba hamaan dhaʼuu nan dandaʼa ture; atis lafa irraa badda turte. 16 Ani garuu humna koo sirratti argisiisuu fi akka maqaan koo lafa hunda irratti labsamuuf jedheen kaayyoo kanaaf si jiraachise. 17 Ati amma iyyuu saba koo irratti ol ol of qabda; jaras gad hin dhiiftu. 18 Kunoo ani bori yeroo akkanaatti cabbii hamaa erga Gibxi hundeeffamtee jalqabee hamma ammaatti takkumaa Gibxitti hin buʼin tokko nan buusa. 19 Egaa amma nama ergiitii horii keetii fi waan alaa qabdu hunda manatti galchisiisi; cabbiin sunis namaa fi horii manatti hin galin kanneen alatti hafan hundatti ni buʼa; isaanis ni dhumu.’ "

20 Qondaaltota Faraʼoon keessaa warri dubbii Rabbii Allaah sodaatan garboota isaaniitii fi horii isaanii manatti galfachuuf ariifatanii sokkan. 21 Warri dubbii Rabbii Allaahatiif xiyyeeffannoo hin kennin immoo garboota isaaniitii fi horii isaanii alatti dhiisan.

22 Rabbii Allaahan Muusaadhaan, "Akka cabbiin biyya Gibxi hundatti namatti, horii fi biqiltuu lafa qotiisaa Gibxi hunda irratti buʼuuf harka kee gara shamaayʼuniitti diriirsi" jedhe. 23 Yommuu Muusaan ulee isaa gara shamaayʼuniitti diriirsettis Rabbii Allaahan kakawwee fi cabbii erge; ibiddis gara lafaatti gad buʼe. Rabbii Allaahanis biyya Gibxitti cabbii roobse; 24 cabbiin ni buʼe; ibiddis cabbii wajjin wal make. Cabbiin hamaan akkanaa erga Gibxi saba taatee beekamtee as takkumaa guutuu biyyattiitti hin buune. 25 Cabbiin sunis biyya Gibxi keessatti waan ala jiru hunda namas horiis ni dhaʼe; biqiltuu lafa qotiisaa hundas ni balleesse; muka hundas ni barbadeesse. 26 Lafti cabbiin itti hin buʼin biyya Gooshen iddoo Israaʼeloonni jiraatan qofa ture.

27 Faraʼoonis Muusaa fi Haaruunin ofitti waamee akkana jedheen; "Ani amma cubbuu hojjedheera; Rabbii Allaahan qajeelaa dha; anii fi sabni koo garuu balleessaa hojjenneerra. 28 Sababii bakakkaa fi cabbiin nutti baayʼateef isin Rabbii Allaah duratti duʼaa nuuf godhaa. Anis gad isin nan dhiisa; isin hammana caalaa as turuu hin qabdan."

29 Muusaanis akkana jedhee deebise; "Ani yommuu magaalaa kana keessaa baʼutti harka koo balʼisee Rabbii Allaah duratti duʼaa nan godha. Bakakkaan ni dhowwama; cabbiinis siʼachi hin jiraatu; kanaanis ati akka lafti kan Rabbii Allaah taate ni beekta. 30 Ani garuu akka atii fi qondaaltonni kee amma iyyuu Rabbii Allaah, Allaah hin sodaanne nan beeka."

31 Waan talbaan daraaree, garbuun immoo bilchaatee tureef talbaa fi garbuun ni badan. 32 Qamadii fi honboriin garuu waan turanii bilchaataniif hin badne.

33 Muusaanis Faraʼoon biraa deemee magaalaa keessaa gad baʼe; innis harka isaa gara Rabbii Allaahatti balʼise; bakakkaa fi cabbiin ni dhowwaman. Bokkaanis deebiʼee biyyattiitti hin roobne. 34 Faraʼoonis yommuu akka bokkaan, cabbii fi bakakkaan dhowwaman argetti ammas cubbuu hojjete; innii fi qondaaltonni isaa mata jabeeyyii taʼan. 35 Akkuma Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin dubbate sana, Faraʼoon mata jabeessa taʼe; saba Israaʼelis gad dhiisuu dide.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-