Publicidade

Êxodo 4

Mallattoo Muusaadhaaf Kenname

1 Muusaan, "Yoo isaan, ‘Rabbii Allaahan sitti hin mulʼanne’ jedhanii na amanuu yookaan na dhagaʼuu didan hoo?" jedhee deebise.

2 Kana irratti Rabbii Allaahan, "Wanti harka kee keessa jiru sun maali?" jedheen.

Muusaan immoo, "Ulee dha" jedhee deebise.

3 Rabbii Allaahanis, "Lafa buusi" jedheen.

Muusaan lafa buufnaan uleen sun bofa taʼe; innis irraa baqate. 4 Rabbii Allaahan garuu Muusaadhaan, "Harka kee hiixadhuutii eegee isaa qabi" jedhe. Muusaanis hiixatee bofa sana qabe; bofti sunis harka isaa keessatti deebiʼee ulee taʼe. 5 Rabbii Allaahanis, "Kun akka isaan Rabbii Allaahan abbootii isaanii, Allaahan Ibraahim, Allaahan Yisihaaq, Allaahan Yaaʼikuub sitti mulʼate akka amananiif" jedhe.

6 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan, "Harka kee bobaa kee keessa kaaʼadhu" jedhe. Muusaanis harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa lamxii akka cabbii taʼe.

7 Innis Muusaadhaan, "Harka kee deebisii bobaa kee keessa kaaʼadhu" jedhe; Muusaanis deebisee harka isaa bobaa isaa keessa kaaʼate; yommuu inni baafatettis, kunoo harki isaa deebiʼee akkuma dhagna isaa isa kaanii taʼe.

8 Rabbii Allaahanis akkana jedhe; "Isaan yoo si amanuu baatanii mallattoo isa jalqabaa fudhachuu didan mallattoo lammaffaa ni amanu taʼa. 9 Yoo isaan mallattoo kana lamaan amanuu baatanii si dhagaʼuu didan bishaan laga Abbayyaa budduuqsiitii lafa gogaa irratti dhangalaasi. Bishaan ati lagicha irraa budduuqsite sunis lafa gogaa irratti dhiiga taʼa."

10 Muusaanis Rabbii Allaahan, "Yaa Gooftaa, ani duris taʼu yookaan erga ati garbicha keetti dubbachuu jalqabdee as nama arraba qajeelu miti. Ani nama afaan isaa hidhamee arrabni isaas itti ulfaatuu dha" jedhe.

11 Rabbii Allaahanis akkana isaan jedhe; "Kan afaan namaa uume eenyu? Kan akka namni arrab-didaa taʼu yookaan duudu godhu eenyu? Kan agartuu ijaa namaaf kennu yookaan jaamsu eenyu? Anuma Rabbii Allaah mitii? 12 Amma dhaqi; ani afaan kee wajjin nan taʼa; waan ati jettus sin barsiisa."

13 Muusaan garuu, "Yaa Gooftaa, maaloo nama biraa ergi" jedhe.

14 Dheekkamsi Rabbii Allaahas Muusaa irratti bobaʼe; innis akkana jedhe; "Obboleessi kee Haaruun Lewwichi jira mitii? Ani akka inni akka gaariitti dubbatu nan beeka. Kunoo, inni gara kee dhufuutti jira. Inni yommuu si argutti ni gammada. 15 Ati isatti dubbatee afaan isaa keessa dubbii ni keessa; anis afaan keetii fi afaan isaa wajjin nan taʼa; waan isin hojjettanis isin nan barsiisa. 16 Inni uummatatti siif dubbata; inni afaan siif taʼa; ati immoo isaaf akkuma Allaah ni taata. 17 Ati ulee ittiin mallattoo argisiiftu kana harkatti qabadhu."

Muusaan Gibxitti Deebiʼe

18 Muusaan gara abbaa niitii isaa gara Yetrootti deebiʼee, "Akka ani gara saba koo warra Gibxi jiraatanitti deebiʼee hamma ammaatti lubbuun jiraachuu isaanii arguuf maaloo naa eeyyami" jedheen.

Yootooris, "Nagaan dhaqi" jedheen.

19 Rabbii Allaahan Midiyaanitti Muusaadhaan, "Namoonni si ajjeesuu barbaadan hundi duʼaniiruutii Gibxitti deebiʼi" jedhee ture. 20 Kanaafuu Muusaan niitii isaatii fi ilmaan isaa fuudhatee harree irra kaaʼee Gibxitti deebiʼe. Innis ulee Allaaha harkatti qabatee ture.

21 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ati yeroo Gibxitti deebitutti dinqiiwwan ani akka ati hojjetuuf humna siif kenne sana hunda fuula Faraʼoon duratti hojjedhu. Ani garuu akka inni saba sana gad hin lakkifne mata jabeessa isa nan godha. 22 Ati Faraʼooniin akkana jedhi; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Israaʼel ilma koo hangafa; 23 anis, "Akka ilmi koo na tajaajiluuf gad lakkisi" jedhee sitti himeera. Ati garuu isa gad lakkisuu didde; kanaafuu, kunoo ani ilma kee hangafa nan ajjeesa.’ "

24 Rabbii Allaahan karaa irratti iddoo bultiitti Muusaatti dhufee isa ajjeesuu barbaade. 25 Ziphooraa garuu dhagaa qara qabu fudhattee qola dhagna ilma ishee kuttee ittiin miilla Muusaa tuqxe. Isheenis, "Ati dhugumaan anaaf misirricha dhiigaati" jette. 26 Rabbii Allaahanis isa dhiise. Yeroo sana isheen waaʼee dhagna qabaatiif, "Misirricha dhiigaa ti" jette.

27 Rabbii Allaahanis Haaruuniin, "Ati Muusaa simachuuf gara gammoojjii dhaqi!" jedhe. Innis dhaqee Tulluu Allaaha irratti Muusaa argatee isa dhungate. 28 Yeroo sana Muusaan dubbii Rabbii Allaahan akka inni dubbatuuf isa erge hundaa fi mallattoowwan akka inni hojjetuuf isa ajaje hunda Haaruunitti hime.

29 Muusaa fi Haaruun maanguddoota Israaʼel hunda walitti qaban; 30 Haaruunis waan Rabbii Allaahan Muusaatti hime hunda jaratti hime. Mallattoowwanis fuula namootaa duratti hojjete; 31 isaanis ni amanan. Jarris yommuu akka Rabbii Allaahan saba Israaʼel ilaalee fi akka inni rakkina isaaniis arge dhagaʼanitti gad jedhanii sagadan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-