Publicidade

Êxodo 32

Jabbii Warqee Irraa Hojjetame

1 Sabni sunis yommuu akka Muusaan tulluu irra ture argetti Haaruunin marsee, "Muusaa namicha biyya Gibxiitii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii kaʼii waaqeffatamtoota nu dura deeman nuu tolchi" jedhe.

2 Haaruun immoo, "Warqee gurraa kan niitonni keessan, ilmaan keessanii fi intallan keessan keeyyatan irraa baasaatii natti fidaa" jedhee deebiseef. 3 Namoonni hundinuu warqee gurra isaanii of irraa baasanii Haaruunitti fidan. 4 Innis warqee sana isaan harkaa fuudhee miʼa ittiin hojjetaniin baqsee waaqeffatamaa tolfamaa bifa jabbiitiin hojjetame tokko tolche; isaanis, "Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqeffatamtoota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha" jedhan.

5 Haaruunis yommuu waan kana argetti fuula jabbii sanaa duratti iddoo aarsaa ijaaree, "Bori Rabbii Allaahaf ayyaanni ni ayyaaneffama" jedhee labse. 6 Isaanis guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanii, aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas fidan. Kana irratti nyaachuu fi dhuguuf tataaʼan; sirbuufis kaʼan.

7 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii gad buʼi. 8 Isaan dafanii karaa ani isaan ajaje irraa jalʼataniiru; waaqeffatamaa tolfamaa bifa jabbiitiin baqfamee qopheeffame illee ofii isaaniitiif tolfatanii aarsaa dhiʼeessaniifii, ‘Yaa Israaʼel isaan kunneen waaqeffatamtoota kee warra biyya Gibxiitii si baasanii dha’ jedhanii isa waaqeffataniiru.

9 "Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; ‘Kunoo, ani akka sabni kun mata jabeessa taʼe argeera. 10 Kanaafuu akka aariin koo isaanitti bobaʼuu fi akka ani isaan balleessuuf na dhiisi. Yommus ani saba guddaa si taasisa.’ "

11 Muusaan garuu fuula gargaarsa Rabbii Allaah isaa barbaaddate; akkanas jedhe; "Rabbii Allaah, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa? 12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin. 13 Garboota kee Ibraahim, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan shamaayʼun irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu." 14 Kana irratti Rabbii Allaahan yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.

15 Muusaanis gabateewwan kakuu lamaan sana harkatti qabatee deebiʼee tulluu irraa gad buʼe. Gabatee sana irrattis karaa lachuu, duraa duubaan barreeffamee ture. 16 Gabateewwan sanas Allaahatu hojjete; katabbiin sunis katabbii Allaaha kan gabateewwan sana irratti soofamee barreeffamee dha.

17 Yushuʼaanis yommuu waca namootaa dhagaʼetti Muusaadhaan, "Iddoo buufataa keessa sagalee waraanaatu jira" jedhe.

18 Muusaan immoo akkana jedhee deebise:

"Sagaleen ani dhagaʼu kun

sagalee sirbaati malee sagalee mooʼuu,

yookaan sagalee moʼatamuu miti."

19 Muusaanis akkuma iddoo qubataatti dhiʼaatee jabbii fi shuubbisa sana argeen aaree gubate; gabateewwan sana harka isaa irraa darbatee tulluu sana jalatti caccabse. 20 Innis jabbii jarri tolchan sana fuudhee ibiddaan gube; daakee bulleessees bishaanitti firfirsee Israaʼeloota obaase.

21 Muusaanis Haaruuniin, "Sabni kun maal si goonaan ati cubbuu guddaa akkasii keessa isaan buufte?" jedhe.

22 Haaruun immoo deebisee akkana jedhe; "Yaa gooftaa ko, aartee hin gubatin; akka sabni kun gara hamminaatti jalʼatu atuu beekta. 23 Isaan, ‘Muusaa namicha Gibxii baasee nu fide sana waan inni taʼe hin beeknuutii waaqeffatamtoota nu dura deeman nuu tolchi’ naan jedhan. 24 Anis, ‘Namni warqee qabu of irraa haa baasu’ jedheen; isaanis warqee sana natti kennan; anis ibidda keessa nan buuse; inni immoo jabbii taʼee baʼe!"

25 Muusaan akka sabni sun gad dhiisiitti jiraate, Haaruunis akka isaan toʼannaadhaan ala taʼan akka godhee fi akka isaan diinota isaanii birattis waan kolfaa taʼan arge. 26 Kanaafuu Muusaan karra qubataa dura dhaabatee, "Mee warri gara Rabbii Allaah gortan hundi gara koo kottaa" jedhe. Lewwonni hundis isa biratti walitti qabaman.

27 Ergasii inni akkana isaaniin jedhe; "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha; ‘Tokkoon tokkoon namaa mudhii isaatti goraadee haa hidhatu; tokkoon tokkoon namaas qubata sana keessa karra tokko irraa gara karra kaaniitti asii fi achi deemee obboloota isaa, michoota isaatii fi ollaa isaa haa ajjeesu.’ " 28 Lewwonnis akkuma Muusaan isaan ajaje godhan; guyyaa sana saba sana keessaa nama gara kuma sadiitu duʼe. 29 Muusaanis, "Isin waan ilmaan keessanii fi obboloota keessanitti kaataniif harʼa Rabbii Allaahaf addaan baafamtaniirtu; innis guyyaa harʼaa isin eebbiseera" jedhe.

30 Muusaan guyyaa itti aanutti saba sanaan, "Isin cubbuu guddaa hojjettaniirtu. Garuu ani amma gara Rabbii Allaahatti ol nan baʼa; tarii ani cubbuu keessaniif araara nan buusa taʼa" jedhe.

31 Muusaanis deebiʼee gara Rabbii Allaah dhaqee akkana jedhe; "Wayyoo! Sabni kun cubbuu akkam guddaa hojjete! Isaan ofii isaaniitiif waaqeffatamtoota warqee tolfataniiru. 32 Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi."

33 Rabbii Allaahan immoo Muusaadhaan akkana jedhe; "Ani nama cubbuu natti hojjete kitaaba koo irraa nan haqa. 34 Amma kaʼiitii gara lafa ani sitti hime sanaatti saba kana qajeelchi; kunoo malaʼikkaan koos fuula kee dura ni deema. Garuu gaafa yeroon ani isaan adabu gaʼutti ani cubbuu isaaniitiif isaan nan adaba."

35 Sababii balleessaa isaan jabbii Haaruun tolche sanaan hojjetaniitiif Rabbii Allaahan balaadhaan saba sana dhaʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-