Publicidade

Êxodo 29

Qulqulleeffamuu Lubootaa

1 "Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif wanni ati isaan qulqulleessuuf gootu kanaa dha; dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa kanneen mudaa hin qabne lama fuudhi. 2 Daakuu qamadii filatamaa irraa Maxinoo, Maxinoo zayitiidhaan sukkuumamee fi bixxillee zayitiin irra dibame tolchi. 3 Isaan kanas gundoo keessa kaaʼiitii dibichaa fi korbeeyyii hoolaa wajjin dhiʼeessi. 4 Ergasii immoo Haaruunii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi. 5 Uffatas fuudhiitii qomee, wandaboo dirataa, dirataa fi kiisii qomaa Haaruunitti uffisi. Dirata sanas sabbata ogummaadhaan dhaʼameen hidhi. 6 Mataa isaatti marata mari; marata sanatti immoo gonfoo qulqulluu qabsiisi. 7 Zayitii ittiin dibdu fuudhiitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan isa dibi. 8 Ilmaan isaa fidii qomee isaanitti uffisi; 9 mataa isaaniitti marata mari. Ergasii immoo Haaruunii fi ilmaan isaatti sabbata hidhi. Lubummaanis seera bara baraatiin kan isaanii ti.

"Atis akkasiin Haaruunii fi ilmaan isaa muudi.

10 "Dibicha sana gara fuula dunkaana wal gaʼiitti fidi; Haaruunii fi ilmaan isaa immoo harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. 11 Atis fuula Rabbii Allaah duratti, balbala dunkaana wal gaʼii irratti isa qali. 12 Dhiiga dibicha sanaa irraa xinnoo fuudhiitii quba keetiin gaanfa iddoo aarsaa dibi; kan hafe immoo miilla iddoo aarsaa irratti dhangalaasi. 13 Moora miʼa garaatti haguugame hunda, haguuggii tiruutii fi moora kalee lamaanitti haguugame fuudhiitii iddoo aarsaa irratti gubi. 14 Foon dibicha sanaa, gogaa isaatii fi cumaa isaa garuu qubata keessaa gad baasii gubi. Inni aarsaa cubbuu ti.

15 "Korbeeyyii hoolaa sana keessaa tokko fidi; Haaruunii fi ilmaan isaas harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. 16 Korbeessa hoolaa sana qalii dhiiga isaa fuudhiitii gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi. 17 Korbeessa hoolaa sana gargar kukkutii miʼa garaatii fi luka isaa miiciitii mataa fi kutaawwan kaan wajjin kaaʼi. 18 Korbeessa hoolaa sana guutumaan guutuutti iddoo aarsaa irratti gubi. Kunis qalma Rabbii Allaahaf gubamu, aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.

19 "Korbeessa hoolaa kaan illee fidi; Haaruunii fi ilmaan isaa harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan. 20 Korbeessa hoolaa sana qali; dhiiga isaa irraas fuudhiitii fiixee gurra Haaruun mirgaatii fi fiixee gurra ilmaan isaa mirgaa dibi; quba abbuudduu harka mirgaa isaaniitii fi quba abbuudduu miilla mirgaa isaanii illee dibi. Dhiiga hafe immoo gama hundaan iddoo aarsaatti facaasi. 21 Dhiiga iddoo aarsaa irra jiru irraa, zayitii ittiin diban irraas fuudhiitii Haaruunii fi uffata isaatti, ilmaan isaatii fi uffata isaaniitti facaasi. Akkasiin innii fi ilmaan isaa, uffanni isaaniis ni qulqullaaʼu.

22 "Korbeessa hoolaa kana irraas cooma, duboo, moora miʼa garaa haguugu, haguuggii tiruu, kalee lamaanii fi moora isaanitti jiru, akkasumas tafa mirgaa fuudhii. Korbeessi hoolaa kunis hoolaa ittiin lubummaa kennanii dha. 23 Gundoo Maxinoo baatu kan fuula Rabbii Allaah dura jiru sana irraa maxinoo tokko, maxinoo zayitiidhaan tolfame tokkoo fi bixxillee tokko fuudhi. 24 Wantoota kanneen hunda harka Haaruunii fi harka ilmaan isaa keessa kaaʼiitii aarsaa sochoofamu godhii fuula Rabbii Allaah duratti sochoosi. 25 Ergasii immoo harka isaaniitii fuudhii akka urgaa Rabbii Allaahatti tolu taʼuuf aarsaa gubamu wajjin iddoo aarsaa irratti gubi; kunis aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha. 26 Erga handaraafa hoolaa Haaruun ittiin luba taʼe sana fuutee booddee aarsaa sochoofamu godhiitii fuula Rabbii Allaah duratti sochoosi; kunis qooda kee ti.

27 "Handaraafa aarsaa sochoofamuu, luka korbeessa hoolaa isa kan Haaruunii fi ilmaan isaa isa yeroo isaan luba taʼan aarsaa taʼee dhiʼaate sana qulqulleessi. 28 Kunis qooda bara baraa kan sabni Israaʼel yeroo hunda Haaruunii fi ilmaan isaatiif kennuu dha. Innis gumaacha sabni Israaʼel aarsaa nagaa irraa Rabbii Allaahaf kennuu dha.

29 "Akka isaan ittiin dibamanii luba taʼaniif uffanni Haaruun qulqulluun kan ilmaan isaa haa taʼu. 30 Ilmi iddoo isaa buʼee luba taʼuudhaan Iddoo Qulqulluu keessa tajaajiluuf gara dunkaana wal gaʼii dhufu bultii torba uffata kana haa uffatu.

31 "Korbeessa hoolaa isa ittiin luba taʼan sana fuudhiitii foon isaa Iddoo Qulqulluutti affeeli. 32 Haaruunii fi ilmaan isaa foon hoolaa sanaatii fi buddeena gundoo irraa sana balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa nyaatan. 33 Isaanis aarsaa isaan ittiin luba taʼanii fi qulqulleeffamuu isaaniitiif ittiin araarri buʼe haa nyaatan. Sababii aarsaan sun qulqulluu taʼeef garuu namni kaan hin nyaatin. 34 Yoo foon korbeessa hoolaa ittiin luba taʼan kam iyyuu yookaan buddeenni kam iyyuu hafee bule ibiddaan gubi; sababii qulqulluu taʼeef nyaatamuu hin qabu.

35 "Waan ani si ajaje hunda Haaruunii fi ilmaan isaatiif godhi. Bultii torba guutuu seera lubummaa isaaniif raawwadhu. 36 Akka araarri buʼuufis guyyuma guyyaan dibicha qalii aarsaa cubbuu dhiʼeessi. Iddoo aarsaa sanaaf aarsaa araaraa dhiʼeessuudhaan qulqulleessi; addaan baasuudhaafis isa dibi. 37 Iddoo aarsaa sanaafis bultii torba araara buusiitii isa qulqulleessi. Yoos iddoon aarsaa sun waan hunda caalaa qulqulluu taʼa; wanni isa tuqu hundinuus ni qulqulleeffama.

38 "Wanni ati yeroo hunda iddoo aarsaa irratti guyyaa guyyaan dhiʼeessitu kanaa dha: Xobbaallaawwan kanneen umuriin isaanii waggaa tokko tokko taʼe lama; 39 tokko ganama, kaan immoo galgala dhiʼeessi. 40 Xobbaallaa jalqabaa sana wajjinis daakuu baʼeessa isaa iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harki tokko zayitii ejersaa kan cuunfamee iinii tokko harka afur keessaa harka tokkoon sukkuumame dhiʼeessi; akkasumas daadhii wayinii iinii harka afur keessaa harka tokko dhibaayyuu godhii dhiʼeessi. 41 Xobbaallaa hoolaa kaan immoo kennaa midhaaniitii fi kan dhibaayyuu wajjin akkuma isa ganamaa sanaatti galgala dhiʼeessi; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamuu dha.

42 "Qalmi gubamu kun dhaloota dhufu keessattis yeroo hunda balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeeffamu. Anis gara keessan dhufee achitti isinitti nan dubbadha; 43 saba Israaʼel wajjinis achumatti wal argina; iddoon sunis ulfina kootiin ni qulqulleeffama.

44 "Ani dunkaana wal gaʼii fi iddoo aarsaa sana nan qulqulleessa; Haaruunii fi ilmaan isaas akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif nan qulqulleessa. 45 Anis saba Israaʼel keessa nan jiraadha; Allaah isaaniis nan taʼa. 46 Isaanis akka ani Rabbii Allaah isaanii kan gidduu isaanii jiraachuuf jedhee biyya Gibxiitii keessaa isaan baase taʼe ni beeku; ani Rabbii Allaah isaanii ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-