Publicidade

Êxodo 35

Sirna Sanbataa

1 Muusaan waldaa Israaʼel guutuu walitti qabee akkana jedheen; "Wanni Rabbii Allaahan akka isin hojjettan isin ajaje kana: 2 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu isiniif guyyaa qulqulluu dha; Rabbii Allaahaf immoo sanbata boqonnaa taʼa. Namni guyyaa kana hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. 3 Guyyaa Sanbataatiin lafa jiraattan kamitti iyyuu ibidda hin qabsiisinaa."

Miʼa Dunkaana Qulqulluu

4 Muusaanis waldaa Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; "Wanni Rabbii Allaahan ajaje kana: 5 Waan qabdan irraa Rabbii Allaahaf kennaa dhiʼeessaa. Namni fedhii qabu hundinuu:

"kennaa warqee, meetii fi naasii Rabbii Allaahaf haa fidu.

6 Kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa gaarii,

rifeensa reʼee,

7 gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame,

muka laaftoo,

8 ibsaadhaaf zayitii ejersaa,

zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼuuf immoo urgooftuuwwan,

9 dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamu kan biraa haa fidu.

10 "Isin keessaa namoonni ogeeyyiin hundi dhufanii waan Rabbii Allaahan ajaje hunda haa hojjetan:

11 "Kunis dunkaana qulqulluu dunkaana isaatii fi irra buusaa isaa wajjin, hokkoowwan isaa, tuggee isaa, dagalee isaa, utubaa isaa, miilla isaa,

12 taabota danqaraa isaa wajjin, teessoo araaraatii fi golgaa isa dhoksus,

13 minjaala danqaraa isaatii fi miʼa isaa hunda wajjin, buddeena ilaalchaa;

14 baattuu ibsaa kan ifaaf taʼu miʼa isaa wajjin, ifa sanaafis ibsaa fi zayitii,

15 iddoo aarsaa ixaanaa danqaraa isaa wajjin, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼu,

karra ittiin dunkaana qulqulluu seenaniifis golgaa balbalaa,

16 iddoo aarsaa kan qalma gubamuu gingilchaa isaa kan naasii irraa hojjetame wajjin, danqaraawwan isaatii fi miʼa isaa hunda,

caabii naasii miilla isaa wajjin,

17 golgaawwan oobdii utubaawwanii fi miillawwan isaanii wajjin, golgaa karra oobdii sanaa,

18 dunkaana qulqulluu fi qofoowwan oobdii dunkaana qulqulluutii fi funyoowwan isaanii,

19 wayyaawwan foʼamanii dhaʼaman kanneen isaan yeroo iddoo qulqulluu keessa tajaajilan uffataman jechuunis wayyaawwan Haaruun lubichaaf qulqulleeffamanii fi wayyaawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilanitti uffatan haa hojjetan."

20 Ergasiis hawaasni Israaʼel guutuun Muusaa biraa baʼanii deeman; 21 namni fedhii qabuu fi namni yaadni isaa isa kakaase hundi dhufee hojii dunkaana wal gaʼii sanaatiif, tajaajila isaa hundaa fi hojii wayyaawwan qulqulluu sanaatiif kennaa Rabbii Allaahaf fide. 22 Dhiirrii fi dubartiin fedhii qaban hundi miʼa warqee irraa hojjetame kanneen gosa gosaa fidan; bitawoo, lootii, qubeelaa fi faaya fidan. Hundi isaanii iyyuu warqee isaanii aarsaa sochoofamu godhanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessan. 23 Namni kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee yookaan bildiimaa yookaan quncee talbaa baʼeessa yookaan rifeensa reʼee, kaldhee korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphamee fi gogaa duugame qabu hundi ni fide. 24 Warri kennaa meetii yookaan naasii dhiʼeessan kennaa Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu godhanii fidan. Namni muka laaftoo kan qooda hojii sanaa kamiif iyyuu taʼu qabu hundas ni fide. 25 Dubartoonni ogeeyyiin hundis harkaan foʼanii kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessa foʼan sana fidan. 26 Dubartoonni fedhii fi ogummaa qaban hundinuus rifeensa reʼee foʼan. 27 Bulchitoonni dhagaawwan sardooniksii fi dhagaawwan gati jabeeyyii biraa dirataa fi kiisii qomaatti akka kaaʼatamuuf fidan. 28 Akkasumas urgooftuu fi zayitii ibsaadhaaf, zayitii ittiin dibanii fi ixaana urgaaʼus fidan. 29 Dhiironnii fi dubartoonni Israaʼel warri fedhii qaban hundi hojii akka isaan hojjetaniif Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin isaan ajaje sana hundaaf fedhii isaaniitiin Rabbii Allaahaf kennaa fidan.

Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab

30 Yommus Muusaan saba Israaʼeliin akkana jedhe; "Ilaa Rabbii Allaahan gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri ilma Huuri filateera; 31 Hafuura Allaahatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera. 32 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf, 33 akka dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. 34 Allaahanis Bezaliʼeelii fi Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sanaaf dandeettii isaan ittiin warra kaan barsiisan kenne. 35 Akka isaan ogeeyyii hojii harkaa, bifa baastotaa fi warra kirrii bifa cuquliisaatiin, dhiilgeen, bildiimaa fi quncee talbaa baʼeessaan miidhagsanii fi wayyaa dhooftota hundi isaanii ogeeyyii hojii harkaatii fi bifa baastota taʼaniif ogummaa hojii gosa hundaa hojjechuutiin isaan guute.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-