1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 2 "Ilaa, ani gosa Yihuudaa keessaa Bezaliʼeel ilma Uuri, ilma Huuri filadheera; 3 ani Hafuura Allaahatiin, ogummaadhaan, dandeettii fi beekumsa hojii harkaa gosa hundumaan isa guuteera; 4 Kunis akka inni warqeedhaan, meetii fi naasiidhaan hojii ogummaa hojjetuuf; 5 akka inni dhagaawwan muree qopheessuuf, akka muka soofuu fi akka hojii ogummaa harkaa kan gosa hundaa keessatti hirmaatuuf. 6 Akkasumas ani kunoo akka inni isa gargaaruuf Oholiiyaab ilma Ahiisaamaak kan gosa Daan sana muudeera.
"Akka isaan waan ani si ajaje hunda hojjetaniif ogeeyyii hojii harkaa hundaaf ogummaa kenneera.
7 "Isaanis dunkaana wal gaʼii,
taabota kakuu seeraatii fi teessoo araaraa kan taabota sana irra jiru,
miʼa dunkaana sanaa hunda jechuunis
8 minjaalaa fi miʼa isaa,
baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa tolfamee fi miʼa isaa hunda,
iddoo aarsaa ixaanaa,
9 iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda,
gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa,
10 wayyaawwan miidhagfamanii dhaʼaman,
wayyaawwan Haaruun lubichaaf qulqulleeffamanii fi
wayyawwan ilmaan isaa yeroo lubummaadhaan tajaajilan uffatan,
11 Iddoo Qulqulluu sanaaf immoo zayitii dibataatii fi ixaana urgaaʼu haa qopheessan.
"Isaan akkuma ani si ajaje sanatti haa hojjetan."
12 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; 13 "Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin Sanbattoota koo eegaa. Ani Rabbii Allaah isa isin qulqulleessu akkan taʼe akka beektaniif kun dhaloota dhufu keessatti anaa fi isin gidduutti mallattoo taʼa.
14 " ‘Waan Sanbanni isiniif qulqulluu taʼeef isa eegaa. Namni Sanbata xureessu haa ajjeefamu; namni guyyaa sana hojii hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu. 15 Guyyaa jaʼa hojiin haa hojjetamu; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa ti; guyyaan kun Rabbii Allaahaf qulqulluu dha. Namni guyyaa Sanbataa hojii hojjetu kam iyyuu haa ajjeefamu. 16 Israaʼeloonni Sanbata kana kakuu bara baraa godhatanii dhaloota dhufu keessa haa eegan. 17 Kunis anaa fi Israaʼeloota gidduutti mallattoo bara baraa taʼa; Rabbii Allaahan guyyaa jaʼa keessatti shamaayʼunii fi lafa uumee guyyaa torbaffaatti boqotee aara galfateeraatii.’ "
18 Rabbii Allaahan akkuma Gaara Siinaa irratti Muusaatti dubbatee raawwateen gabatee dhugaa lamaan jechuunis gabateewwan dhuga baʼumsaa kanneen qubni Allaaha irratti barreesse sana isatti kenne.