1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Atii fi Haaruun, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoota Israaʼel keessaas namoonni torbaatamni gara Rabbii Allaahatti ol baʼaa; alaalatti sagadaa; 2 garuu Muusaan qofti Rabbii Allaahatti haa dhiʼaatu; warri kaan immoo hin dhiʼaatin. Sabni isa wajjin ol hin baʼin."
3 Muusaanis dhaqee dubbii fi seera Rabbii Allaah hunda saba sanatti hime; sabni sunis, "Nu waan Rabbii Allaahan jedhe hunda ni goona" jedhee afaan tokkoon deebise. 4 Ergasii Muusaan waan Rabbii Allaahan dubbatte hunda barreesse.
Guyyaa itti aanu ganamaanis kaʼee miilla tulluu jalatti iddoo aarsaa ijaare; utubaa dhagaa kudha lama kanneen gosoota Israaʼel kudha lamaan iddoo buʼanis dhaabe. 5 Innis dargaggoota Israaʼel erge; isaanis aarsaa gubamuu fi jiboota aarsaa nagaa godhanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessan. 6 Muusaanis walakkaa dhiiga sanaa waciitiitti naqe; walakkaa hafe immoo iddoo aarsaa irratti faffacaase. 7 Innis kitaaba kakuu fuudhee saba sanaaf dubbise. Isaanis, "Nu waan Rabbii Allaahan jedhe hunda ni goona; ni ajajamnas" jedhanii deebisan.
8 Yommus Muusaan dhiiga sana fuudhee sabatti faffacaasee, "Kunoo kun dhiiga kakuu kan Rabbii Allaahan akkuma dubbii kana hundaatti isinii dhaabee dha" jedhe.
9 Muusaa fi Haaruun, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoonni Israaʼel torbaatamnis ol baʼanii 10 Allaah Israaʼel argan. Miilla isaa jalattis waan akka afaa dhagaa Sanpeer kan akkuma shamaayʼuniitti qulqullaaʼe tokkotu afamee ture. 11 Allaahan garuu qondaaltota saba Israaʼel kanneenitti harka isaa ol itti hin kaafne; isaan Allaah argan; ni nyaatan; ni dhuganis.
12 Rabbii Allaahanis Muusaadhaan, "Gara kootti tulluutti ol baʼi; asis turi; anis gabateewwan dhagaa kanneen ani akka qajeelfama isaanii taʼuuf seeraa fi ajajawwan itti barreesse siif nan kenna" jedhe.
13 Ergasii Muusaan gargaaraa isaa Yushuʼaa wajjin kaʼee deeme; Muusaanis tulluu Allaahatti ol baʼe. 14 Innis maanguddoota sanaan akkana jedhe; "Hamma nu gara keessanitti deebinutti asitti nu eegaa. Kunoo Haaruunii fi Huuri isin bira jiran; namni falmii qabu isaan bira dhaquu dandaʼa."
15 Yeroo Muusaan tulluutti ol baʼetti duumessi tulluu sana haguuge; 16 ulfinni Rabbii Allaahas Tulluu Siinaa irra buʼe. Duumessi sunis guyyaa jaʼa tulluu sana haguuge; guyyaa torbaffaatti immoo Rabbii Allaahan duumessicha keessaa Muusaa waame. 17 Ulfinni Rabbii Allaahas ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture. 18 Muusaan tulluutti ol baʼee duumessa keessa seene. Innis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture.