1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe: 2 "Guyyaa jalqaba jiʼa jalqabaatti dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dhaabi. 3 Taabota kakuu seeraa isa keessa kaaʼiitii taaboticha golgaadhaan daʼeessi. 4 Minjaala ol galchiitii miʼa isaa tottolchi. Ergasiis baattuu ibsaa ol galchiitii ibsaa isaa irra dhaabi. 5 Iddoo aarsaa ixaanaa kan warqee irraa hojjetame fuula taabota kakuu seeraa dura dhaabiitii balbala dunkaana qulqulluutti immoo golgaa fannisi.
6 "Iddoo aarsaa qalma gubamuu sanas fuula balbala dunkaana qulqulluu jechuunis dunkaana wal gaʼii dura dhaabi; 7 gabatee itti dhiqatanis dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu dhaabiitii bishaan itti naqi. 8 Naannoo isaattis oobdii hojjedhuutii balbala isaatti golgaa kaaʼi.
9 "Zayitii ittiin diban fuudhiitii dunkaana qulqulluu fi waan isa keessa jiru hunda dibi; dunkaanichaa fi miʼa isaa hunda qulqulleessi; innis ni qulqullaaʼa. 10 Ergasiis iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda dibi; iddoo aarsaa sana qulqulleessi; innis waan hunda caalaa qulqullaaʼaa taʼa. 11 Gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibiitii isaan qulqulleessi.
12 "Haaruunii fi ilmaan isaa gara balbala dunkaana wal gaʼiitti fidiitii bishaaniin isaan dhiqi. 13 Ergasii Haaruunitti wayyaa qulqulluu uffisi; akka inni lubummaadhaan na tajaajiluufis dibiitii isa qulqulleessi. 14 Ilmaan isaas fidiitii kittaa itti uffisi. 15 Akka isaan lubummaadhaan na tajaajilaniifis akkuma abbaa isaanii dibde sanatti isaan dibi; dibamuun isaanii kunis dhaloota dhufu hunda keessatti lubummaa itti fufu taʼa." 16 Muusaanis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti waan hunda hojjete.
17 Kanaafuu dunkaanni qulqulluun sun waggaa lamaffaa keessa guyyaa jalqabaa kan jiʼa jalqabaatti dhaabame. 18 Muusaan yeroo dunkaana qulqulluu sana dhaabetti miillawwan dunkaanichaa itti kaaʼe; tuggeewwan isaa dhadhaabe; dagaleewwan isaa loose; utuboota isaa dhadhaabe. 19 Innis akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti dunkaana qulqulluu irraan dunkaana diriirsee dunkaana sanatti immoo irra buusa uffise.
20 Dhuga baʼumsa sana fuudhee taabota keessa kaaʼe; danqaraawwanis taabotatti hidhe; teessoo araaraa immoo taabota gubbaa kaaʼe. 21 Muusaan akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti taabota sana dunkaana qulqulluutti ol galchee golgaa daʼeessu fanniseef; taabota kakuu seeraa sanas daʼeesse.
22 Muusaanis minjaala sana gama kaaba dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa golgaa sanaan ala kaaʼe. 23 Akkuma Rabbii Allaahan isa ajajettis fuula Rabbii Allaah duratti buddeena achi irra kaaʼe.
24 Baattuu ibsaa immoo gama kibbaa dunkaana qulqulluutiin dunkaana wal gaʼii keessa fuullee minjaalaatiin kaaʼe. 25 Akkuma Rabbii Allaahan isa ajajettis ibsaawwan sana fuula Rabbii Allaah dura dhadhaabe.
26 Muusaanis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame sana fuula golgaa duraan dunkaana wal gaʼii keessa dhaabe. 27 Akkuma Rabbii Allaahan isa ajajettis ixaana urgaaʼaa isa irratti aarse.
28 Balbala dunkaana qulqulluu irrattis golgaa fannise. 29 Inni akkuma Rabbii Allaahan isa ajajetti iddoo aarsaa qalma gubamuu sana balbala dunkaana qulqulluu kan dunkaana wal gaʼii bira dhaabee qalma gubamuu fi kennaa midhaanii isa irratti dhiʼeesse.
30 Gabatee sanas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼee bishaan dhiqataa itti naqe; 31 Muusaan, Haaruunii fi ilmaan Haaruuniis harka isaaniitii fi miilla isaanii dhiqachuuf itti fayyadamu turan. 32 Isaanis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti yeroo dunkaana wal gaʼii seenan yookaan yeroo iddoo aarsaatti dhiʼaatan hunda ni dhiqatu turan.
33 Muusaanis naannoo dunkaana qulqulluutii fi iddoo aarsaatti oobdii hojjetee balbala waltajjichaa irra golgaa dhaabe; akkasiin Muusaan hojii sana hojjetee fixe.
34 Ergasiis duumessi dunkaana wal gaʼii haguuge; ulfinni Rabbii Allaahas dunkaana qulqulluu sana guute. 35 Muusaanis sababii duumessi sun dunkaana wal gaʼii irra buʼee fi sababii ulfinni Rabbii Allaah dunkaana qulqulluu guuteef dunkaana wal gaʼii seenuu hin dandeenye.
36 Israaʼeloonni karaa isaanii hunda keessatti yommuu duumessi dunkaana qulqulluu irraa kaʼu hunda kaʼanii deemsa isaanii itti fufu turan. 37 Yoo duumessi irraa kaʼuu baate garuu hamma gaafa duumessi sun irraa kaʼuutti hin deeman ture. 38 Kanaafuu karaa isaanii hunda keessatti fuula saba Israaʼel hundaa duratti guyyaa guyyaa duumessi Rabbii Allaah dunkaana qulqulluu irra ture; halkan halkan immoo ibiddi duumessa sana keessa ture.