1 Waldaan ijoollee Israaʼel hundi akkuma Rabbii Allaahan ajajetti Gammoojjii Siiniitii kaʼanii iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti darbaa dhaqanii Refiidiim qubatan. Garuu sabni sun bishaan dhugaatii hin arganne. 2 Kanaafuu isaan, "Bishaan dhugnu nuu kenni" jedhanii Muusaa lolan.
Muusaan immoo deebisee, "Isin maaliif na loltu? Rabbii Allaahanis maaliif qortu?" jedheen.
3 Jarris bishaan dheebotanii Muusaatti guunguman; akkanas jedhan; "Ati maaliif akka nu, ijoolleen keenyaa fi horiin keenya dheebuun dhumnuuf biyya Gibxiitii nu baafte?"
4 Kana irratti Muusaan gara Rabbii Allaahatti iyyee, "Ani saba kana maal godha? Isaan dhagaan na tumuuf xinnumatu hafe" jedhe.
5 Rabbii Allaahan immoo akkana jedhee Muusaaf deebii kenne; "Saba kana dura darbii deemi. Maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko of faana fudhadhuutii ulee ittiin laga Abbayyaa dhoofte sana harkatti qabadhuu deemi. 6 Kunoo ani kattaa Kooreeb sana bira fuula kee dura achi nan dhaabadha; akka namoonni bishaan dhuganiif ati kattaa sana dhaʼi; bishaanis isa keessaa ni baʼa." Kanaafuu Muusaan fuula maanguddoota Israaʼel duratti akkasuma godhe. 7 Sababii Israaʼeloonni lola kaasanii fi sababii isaan, "Rabbii Allaahan nu wajjin jira moo hin jiru?" jechuudhaan Rabbii Allaah qoraniif Muusaan iddoo sana Maasaahii fi Mariibaa jedhee moggaase.
8 Amaaleqoonni dhufanii Refiidiimitti Israaʼeloota lolan. 9 Muusaanis Yushuʼaadhaan, "Namoota keenya keessaa muraasa filadhuutii dhaqii Amaaleqoota loli. Ani bor ulee Allaaha harka kootti qabadhee fiixee gaara irra nan dhaabadha" jedhe.
10 Yeroo Muusaan, Haaruunii fi Huuri fiixee gaaratti ol baʼanitti, Yushuʼaan akkuma Muusaan ajajetti Amaaleqoota lola ture. 11 Yeroo Muusaan harka isaa ol qabatutti Israaʼeloonni ni moʼatu turan; yeroo inni harka isaa gad buufatu immoo Amaaleqoonni ni moʼatu turan. 12 Isaanis yeroo harki Muusaa dadhabaa deemetti dhagaa tokko fuudhanii isa jala kaaʼan; innis irra taaʼe. Haaruunii fi Huuri inni tokko garanaan inni kaan immoo garasiin goranii akka harki isaa hamma aduun dhiitutti gad hin deebineef ol qabaniif. 13 Akkasiin Yushuʼaan loltoota Amaaleqootaa goraadeedhaan moʼate.
14 Ergasii Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Akka wanni kun yaadatamuuf kitaabatti barreessi; Yushuʼaan waan kana dhagaʼuu isaa mirkaneessi; ani guutumaan guutuutti yaadannoo Amaaleqootaa shamaayʼun jalaa nan balleessaatii."
15 Muusaanis iddoo aarsaa ijaaree, "Rabbii Allaahan Faajjii koo ti" jedhee moggaase. 16 Innis, "Harki gara teessoo Rabbii Allaahatti ol kaafameera. Rabbii Allaahanis dhaloota tokkoo gara dhaloota kaaniitti Amaaleqoota ni lola" jedhe.