Publicidade

Êxodo 11

Dhaʼicha Hangafa Irra Gaʼe

1 Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; "Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa. 2 Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi." 3 Rabbii Allaahan akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Muusaan biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture.

4 Muusaan akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba. 5 Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa. 6 Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa. 7 Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka Rabbii Allaahan Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu. 8 Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema." Muusaanis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.

9 Rabbii Allaahan Muusaadhaan, "Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida" jedhe. 10 Muusaa fi Haaruunis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Rabbii Allaahan garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-